header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

601: Osoo Jaarsa Qabu Zinaa Godhe, Maaltu Narra Jira?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Ani Abbaa warraa qaba. Garuu namni tokko na janajjanee karaa irraa na baasee, isa wajji walitti dabalamne. Eegasii Abbaan warraa kiyya waan kana dhagahee, “Egaa maal goona waan Rabbi fide” jedhee awfii naa godhe. Haala Kanaan isa wajji jiraachutti jira. gama shari’aatiin hoo maaltu narra jira?

 

 

Deebisaa: Durarratti Janaajjanaan jedhan tun Junuuna/Maraatuma. Kuni waan hamaadha. Wanti rakkoo kana hunda fide waan kana. Waan kana akka Uzriittis dhiheeyfachuun hin danda’amu. Kuni yakka guddaadha.

 

2ffaa irratti ammoo, Abbaan warraa wanti isii dhiisuu danda’u mirga isaa kan cabe qofa dhiisuu danda’a malee, Murtii Rabbii ka tarkaanfatame waan isii dhiisu hin qabu. Badii isii kana dhiiseefii wajji jiraachuu mirga qaba. Garuu daangaa Rabbii ka tarkaanfatame inni isiif dhiisuu hin danda’u.

 

3ffaa irratti, Dilii keessatti “Rabbitu erge maal goona ree” jechuun hin danda’amu. Dogongora dalagameef itti gaafatamtuun isiidha. Sheeyxaanni dogongorsiisee fedhinnaa ofii jala deemtee dilii kana dalayde malee, dilii akkanaa Rabbitu fide jechuun dogongora. Dilii irratti Qadara sababaa hin godhatan. badii tana Rabbitu nutti erge, Rabbitu akkana nu godhe jechuun dogongora guddaadha.

 

4ffaa: innis akka ilma namaatti hinaaffaa qabaachuu qaba. Jaartii isaa ta dilii guddoo hojjatte tanaan lolee, rifachiisee waan kanarratti dura dhaabbachuu qaba malee, waan kana akka taphaatti laalee bira dabruun dogongora. Silaa biyya seera shari’aatiin bultu keessatti wanti kun mudatee intalti tun ni ajjeefamti. Dilii guddoo haganaa tana akka laaftutti bira dabruun sirrii miti. eega seerri shari’aa hojii irra hin oollee, wanti isii irraa eegamu tawbatuudha. Gama Rabbii isii deebi’uu qabdi. Badii dalaydeef sheenawuu qabdi.

 

Waan Rabbiin haraam godhe wanti halaal gochuu danda’u hin jiru. Dilii fokkataa kanarraa tawbachuu barbaachisa. amma booda waan akkanaa irraa fagaachuun dirqama.

 

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 3
Views: 1778

Kanas dubbisi!

609: “Sadihiin Si Hiike” jechuun meeqatti lakkaawama?
592: Jaartii xurii laguu irra jirututti ida’amuun akkamitti laallama?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

6 Comments

  1. Wanni kun wan hamaa gaa’ela namoota bayyee diiguutti jiruu dha. Silaa namani mata fayyaa qabuu kamuu yeroo gochaa akkaan dalaguu akka dilaawuttii jiruu nii bekaa.
    Kana kan fiduutti jiruu gochaa bayeen keenya ga’eelen duraatti raawwachaa tureedha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button