header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

603: Guyyaa Jum’aa Suuraltul Kahf Qara’uun akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Guyyaa Jum’aa yoo yeroon narraa dabarte suuratul Kahf dura irraa aayata kudhan boodarraa aayata kudhan qara’a. Wanti kun akkami?

 

 

Deebisaa: Suuratul Kahfiin qara’uun barbaachisaadha. Ulamaa’ii garii biratti hadiisni waa’ee Suuratul Kahfiin wal qabatee gabaafame da’iifa jedhameera. Gariin ammoo kan sahiiha jedhan waan jiraniif akka sahiihaatti fudhachuun barbaachisaadha. Ammoo suuratul kahf salaata Jum’aa dura qofa qara’amuu qaba dirqamni jedhu hin jiru. Guyyaan jum’aa taanaan salaata jum’aa duraa fi duubaanillee qara’uun ni danda’ama. Namoonni hedduun waan kana dogongoraan hubataniiran. Salaata qofa dura qara’ama kan jedhurratti ragaan dhufe hin jiru. Ammoo aayaa jalqabaa kuran duraafi duubaa qofa qara’uu irratti gabaabbachuu hin qabnu. Aayaa kurnan duraa fi duubaa namni qara’e ajrii qur’aana qara’uudhaa inuma argata. Kanaafuu namni kurnan duraa fi duubaa suuratul Kahf qara’u ajrii qur’aana qara’uudhaa argata malee ajrii suuratul kahf qara’uudhaa hin argatu.

 

Sheikh Abdurrahmaan Shariif

 

Deebisaa Ulamaa’ii biyya alaa

Hadiisa Abu Sa’id Al Khudrii gabaase keessatti ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan; “Namni halkan Jum’aadhaa suuratul Kahf qara’e, isaa fi mana durii (ka’baa) jidduu ifaatu jiraata” (Al Daarimiin gabaafamee, Albaaniin Sahiiha jedhe)

 

Guyyaa Jum’aa Suuratul Kahfiin qara’uun wal qabatee Hadiisota Marfuu’aa hedduu kan wal deeggarantu jira. Hadiisa Marfuu’aa jechuun; kan jechi, gochi fi gabaasni sun guutumaan guututti Rasuulatti irkifamu jechuudha. Kanaafuu Hadiisotni Waa’ee suuratul Kahf guyyaa jum’aa qara’uudhaa dubbatan qajeela isaanirraa dhufan jedhamee fudhatama.

 

Hadiisonni waa’ee Suuratul Kahf guyyaa jum’aa qara’uudhaa bifa gargaraatiin dhufan. Hadiisni gariin guyyaa Jum’aa jedha. Gariin ammoo halkan jum’aa jedha. Kanaafuu halkanii fi guyyaa jum’aa keessatti qara’uun ni danda’ama. Halkan jum’aa kamisa wayta aduun dhiiturraa jalqaba. Haga guyyaa jum’aa aduun dhiitutti qara’uun ni danda’ama.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Hadiisota Guyyaa Jum’aatiin wal qabate irratti ulamaa’iin bakka lamatti qoodamaniiran. Sheikh Nasrudiin Al Baanii dabalatee ulamaa’iin gurguddoon hadiisni Sahiiha kan jedhan yoo ta’u, kanneen hadiisichi dadhabaadha jedhanis hedduun ni jiru. Kanaafuu dhimmi kun dhimma Fadaa’ilil A’maal jedhu jala seena. Sunis namni yoo waan kana dalage faaydaa fi ajrii irraa argata. Yoo dalaguu dhabe ammoo badiin irra hin jiru irraa hin gaafatamu.

 

Shiekh Aasim Al Hakiim

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 419

Kanas dubbisi!

605: Salaata Halkanii keessatti Basmalaa ol qaban moo gad qaban?
599: Aayatul Kursii Salaata booda qara’uun waajiba moo Sunnaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button