header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

604: Hammaama keessatti wuduu’a godhuun dandahamaa?

Estimated reading time: 2 min

Gaafii: Hammaama Keessa taa’anii wuduu’a godhachuun danda’amaa? Kan bakki qaama itti dhiqatanii fi kan sagaraa yoo gargar tahuu dhabaate rakkoo ni qabaa?

 

 

Deebisaa: Hammaama kan bakki qaama itti dhiqatanii fi kan fincaaniitis gargar tahe, yokaan ammoo lamaanuu kutaa tokko keessa tahus wuduu’a achitti godhachuun rakkoo hin qabu. Gaaffiin tun achi keessatti “Bismillah” jechuun ni danda’amaa kan jedhu yoo if keessaa qabaatte, ulamaa’iin harki caalu “bismillah” sammuma keessatti niyyatanii wuduu’a godhuu qaban jedhan. Sagalee olqabatanii “Bismillaah” jechuun dirqama warri jedhus ni jira. akka hundattuu hammaama keessatti wuduu’a godhuun rakkoo hin qabu.

 

Deebisaa Ulamaa’ii biyya alaa

Bakka itti qulqullaahanitti maqaa Rabbii dhahuun jibbamaadha. Kabajaa maqaa Rabbiitiif jecha bakka qulqullina hin qabne keessatti maqaa isaa dhahuun hin barbaachisu. Bakki xuraawaan qubsuma sheeyxaanaati.

 

Imaamu Al-Nawawi (Rabbiin Rahmata haa godhuufi) al-Azkaar (Fuula 21-22): keessatti akkana jedhe.

Yeroo hammaama keessa sagaraaf taa’an azkaara jechuunis tahee haasaya biraa haasayuun jibbamaadha. Iddoon sagaraaf taa’an badhee keessas tahu yookaan ammoo mana keessa tahus hukmiin isaa tokkuma.  Hammaama keessatti haasayaa fi zikriin gosa kamiituu hin jaalatamu, yoo dirqama tahe malee.

 

Ulamaa’iin gariin akki jedhan; namni tokko mana fincaanii keessatti osoo haxxifatee Alhamdulillaah jechuun isarra hin jiraatu, namni birootis “Yarhamuk-Allaah” isaan jechuu hin qabu. salaamtaallee deebisuun hin tahu. azaanaafis deebisaa kennuun hin tahu jedhan. Kun hundi jibbamaadha malee haraamaa miti. Namni mana fincaanii keessatti haxxifate arrabaan osoo hin dubbatin onnema keessatti Rabbii isaa yoo faarse rakoo hin qabu.

 

Abdallaah Ibnu Umar (Rabbiin hojii isaa gaggaarii irraa haa jaalatuu) akkana jedhe: “Bakka Ergamaan (SAW) fincaaniif taa’anitti namtichi tokko isaan cinaan dabraa salaamata isaan gaafate. Eragamaan garuu hin deebisneef” (Sahiih Muslim, 370).

 

Al-Muhaajir ibn Qunfuz (Rabbiin hojii isaa gaggaarii irraa haa jaalatuu) akkana jedhe: Bakka Ergamaan (SAW) fincaaniif taa’anitti itti dhaqee salaamata gaafadhe. Ergamaan garuu hanga wuduu’a fixatutti na hin dubbisne, bodarra dhiifama na gaafatee “xahaara yoo hin qabaatin maqaa Allaah dhahuu hin jaaladhu” naan jedhe. (Abuu Dawuud, al-Nasaa’i fi Ibn Maajah sanada hadiisaa keessatti gabaasan).

 

Ragaalee armaan olii bu’uureffachuun, hammaamichi bakka dhiqannaa qofa osoo hin taane, mana fincaaniitiin walitti bakka tokko yoo tahe, ulamaa’iin harki caalu “bismillah” jechuun jibbamaadha jedhan. Gariin ammoo sammuma keessatti niyyatanii wuduu’a godhuu qaban jedhan.

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Guduunfaa

Rasuulli (SAW) yeroo hammaama seennu du’aa’ii tana akka jennu nu barsiisan.

 

Allaahumma innii A’uuzubika, Minal Kubusi, Wal Kabaa’isi

Yaa Allaah, Sheeyxaanotaafi waan hamaa hundarraa siinin tiyfama.

 

Eega du’aa’ii tana jennee hammaama seennee qulqulloofnee booda, Bismillaahi jechuu qalbii keessatti niyyannee wuduu’a goona. Yoo tasa sagalee ol fuunee Bismillaahi jennes diliin nurra hin jirtu. Ammoo irra deddeebinee of barsiisuun gaarii miti. waan ulamaa’iin jibbamaadha jedhan irraa goruu barbaachisa. Rasuulli (SAW) yeroo xahaaraa hin qabnetti maqaa Rabbii hin dhahan. Kanaafuu nutis sunnaa isaanii hordofuu qabna.

 

Hammaama Baadiyaafi Magaalota xixiqqoo keessaa kan qulqullina gahaa hin qabne keessatti ammoo of eeggannoo dabalataa godhuu qabna. keessattuu hammaamni manneen barnootaafi bakka ummanni itti baay’atu keessatti argamu qulqullina hin qabu. fincaaniifi sagaraan namaa lafa miilaan irra deeman gubbatti faca’uu dandaha. yoo hammaama akkasii keessati wudu’a godhuun dirqama tahe ammoo, akka bishaan lafaa namatti ol hin facaane of eeggannoo godhuu barbaachisa.

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 1394

Kanas dubbisi!

612: Dubartiin Heydii Irra Jirtu Qur’aana Akkamitti Qaraati?
592: Jaartii xurii laguu irra jirututti ida’amuun akkamitti laallama?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button