header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

606: Imaamni Qur’ana irraa laalaa salaachisuu danda’aa?

Estimated reading time: 1 min

Qur’aana irraa qara’aa salaachisuun Taraawiiha fa’a irratti ni hayyamama. Haata’u malee salaata waajibaataa irratti dhaabbatni dirqamatti hagas dheeratullee waan hin jirreef, aayatuma isaa laaftu qoma isaarraa qara’ee salaachisuu qaba. Ergamaan Rabbii-Sallallaahu Aleeyhi Wasallam-salaata shanan keessatti maal akka qara’an ni beekama. Kanaaf namni imaama aayatoota Al-Mufassal qomatti haffazuu qaba. Al-Mufassal jechuun Suuratul Qaaf irraa jalqabee hanaga Suuratu-nnaas jechuudha. Nama birootis yoo tahe, hanguma Rabbiin namaa laaffiseen yoo xiqqaate Qur’aana hanga ittiin salaatu qomatti haffizuun barbaachisaadha.

 

 

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

Salaata Naflii (sunnaa jajjabaa) kan akka qiyaam-al-Leeyli keessatti Musihafaa irraa qara’uun rakkoo hi qabu. Salaata Waajibaataa keessatti garuu Mus’hafa irraa qara’uun jibbamaadha. Yeroo hedduu wanti suuraa dheeraa akka qara’an nama dirqisiisu waan hin jirreef, waajibaata suuraa yookaan aayata qomatti haffazaniin salaachisutu jaalatama. Haata’uutii garuu yoo dirqama tahe garuu salaata waajibaa keessattis mus’hafa irraa qara’uun badii hin qabu.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 372

Kanas dubbisi!

608: Sujuuda Keessatti Afaan Oromootiin du’aa’ii godhuun hayyamamaa?
605: Salaata Halkanii keessatti Basmalaa ol qaban moo gad qaban?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button