Deebisaa: Akka walii galaatitti bakka wanti shari’aan islaamaa dhoorku jiru dhaquun hin barbaachisu. yaamichi sun kan nama muslimaatis tahu, kan abbaa fedheetis tahu, wantoonni akka muuziqaa fi, walitti laaqamiinsi dhiiraafi dhalaa yoo jiraate dhaquun hin barbaachisu.
Namni bakka san dhaquun hayyamamuuf nama waan san achii dhabamsiisuu dandayu qofa. inni dhaqee muuziqaafi walitti laaqamiinsa san dhoorkuu yoo ka danda’uu dhaquu mirga qaba.
gama birootiin ollaan isaa kun yoo muslima tahuu baate, affeerraan isaa kun bifa lamaan laallama. yoo ayyaanni inni itti nama yaame ayyaana amantii tahe, bakka san dhaquun haraama taha.
?Yoo yaamichi isaa dhimma amantii tahuu baatee, haruuzaafii wantoota wajji jireenya hawaasummaa wajji wal qabatan yoo tahe, yoo wanti shari’aan islaamaa dhoorku jiraachuu baate ni dhaqa. garuu yoo wanti akka muuziqaafi farshoo bakka san jiraate dhaquun dhoorkaadha.
Haqa ollaa jechuun, nama amantii biroo hordofu wajjiin ayyaana kabajuu jechuu miti. Yoo inni rakkate isa gargaaruu, wajji jireenya keessatti isa rakkisuu dhabuu fi karaan haqa ollaa ittiin guutan heddutu jira. waan shari’aan islaamaa dhoorke hunda irraa goranii, jireenya hawaasummaa gaariin wajji jiraachuu barbaachisa.
Dhimma amantiitiin wal qabatee, Rabbima haqa ollaa eegaa jedhee ajaje santu, shirkiifi dilii irraa fagaadhaa jedhee ajaje. kanaafuu ajaja Rabbii guutanii waan inni irraa nama dhoorkerraa dhoorkamuu barbaachisa.
Sheikh Abdussalaam Xaahir
Guduunfaa: Ollaan haqa guddaa namarraa qaba. Amantii fedhes yoo hordofe haqni isaa eeggamuu qaba. Yoo inni rakkate gargaaruu, yoo dhukkubsate gaafachuu, yoo nama isa gargaaru of biraa qabaachuu baate haakima geessanii wal’aansisuu, haruuzaafi yaamicha kabajaa kan amantaan wal hin qabanne, kan muuziqaafi farshoo of keessaa hin qabne irratti hirmaatanii gammachiisuu barbaachisa.