header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

612: Dubartiin Heydii Irra Jirtu Qur’aana Akkamitti Qaraati?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Ani barsiistuu Qur’aanaati. Yeroo heydiin natti dhuftu Qur’aana harkaan hin tuqu. Qur’aana tuquun haraama, tafsiira irraa qaraasisi naan jedhanii akkasitti tafsiira irraa qaraasisutti jira. garaagarummaan Qur’aanaa fi Tafsiiraa maali? Tanatu na dhibe.

 

 

Deebisaa: Jalqabarratti Qur’aanaafi Tafsiira jidduu garaagarummaa guddatu jira. Qur’aanni Kalaama Rabbiiti. Tafsiirri hiikkaa Qur’aanaati. Yeroo garii Tafsiirri dogongora tahuu dandaya. Namtichi Qur’aana fassare sun akka hubannoo ofiitti waan fassaruuf, yeroo tokko tokko dogongoruu dandaya. Qur’aanni garuu guutuun isaa sirriidha. Dogongora takkallee hin qabu. Guutuun isaa Rabbi biraa buufame.

 

Gama gaafii ijootti yoo deebinu, Dubartiin Dhiiga aadaa irra jirtu Qur’aana harkaan qabattee qara’uu dandeettii?

 

Dhimma kanarratti imaamman gurguddoon sadan; Imaam Abu Haniifaa, Imaamu Ahmad fii ImaamusShaafi’iin, dubartiin heydii irra jirtu Qur’aana harkaan qabattee qara’uu hin dandeettu jedhan. Wanti isaan daliila godhatan ammoo Aayaata Qur’aanaa tokkoofii hadiisa tokko.

 

Aayaanni Qur’aanaa isaan daliila godhatan, Suuratul Waaqi’aa aayaata 79ffaa irratti argama.
“Laayamassuhuu illal Muxahharuu” (Warra Qulqulluu malee eenyulleen isa hin tuqu) jedha.

 

Hadiisni isaan daliila godhatanis, Hadiisa Aamir ibnu hazm, “Nama Qulqulluu malee namni biroo tuquu hin qabu” jedha. Aayaata Qur’aanaa kanaafii hadiisa kana daliila godhatanii, Namni janaabtaa qabuufi, dubartiin Heydii qabdu Qur’aana Rabbii qara’uu hin qaban haraama jedhan. Gama birootiin tafsiira Qur’aanaa, kan baay’inni tafsiiraa baay’ina Aayaatoota Qur’aanaa caalu yoo tahe, harkaan qabachuu ni dandeetti, garuu qara’uun haraama jedhan. Kana qofaa miti, Du’aa’iiwwan Qur’aana keessa jiranis, akka Du’aa’iitti yoo qaraate malee, akka aayaata Qur’aanaatti qara’uun haraama jedhan.

 

 

Murni 2ffaa ammoo; Imaamu Maalik fi Sheikhul Islaam Ibnu Teymiyyaan ammoo, Dubartiin Heydii irra jiru sa’aa barbaaddetti Qur’aana qara’uu dandeetti jedhan. Ragaan qabatamaan dubartii heydii qabdu Qur’aana qara’uurraa dhoorku hin jiru jedhan.

 

Aayaanni Qur’aanaa Suuraa Waaqi’aa aayaata 79ffaa irra jiru, Warri Qulqulluun Rabbiin achi biratti dubbate Maleeykaadha. Kitaabni achi biratti dubbatame ammoo Lawhal Mahfuuzi jedhan.  Hadiisni Aamir Ibnu Hazmii ammoo hin sabanne jedhan.

 

Cuunfaa

 

Dubbiin tun waldhabbii ulamaa’ii qabdi. Dubartiin hedyii irra jirtu yoo barattuu taate, Qur’aanni jalaa bula. Qaraatiinis jalaa baddi, barsiistuunis akkasuma. Yeroo heydii irra jiran qur’aana isaanii haa qara’an. Yoo danda’ame osoo harkaan hin tuqin qomaan haa qara’an. Yoo qomaan kan hin beeyne tahan, qur’aana irraanfachuu irra, harkaan qabatanii irraa qara’utu irra isaaniif caala.

Wallaahu A’lam

 

Sheikh Abdurrahmaan Shariif

 

Ibsa Dabalataa: Namni Xahaaraa Ykn Qulqullina hin qabne Qur’aana harkaan tuquu dandayaa? gaafii jedhuuf amma dura deebisaan kennamee jira. deebisaa gaafii kanaa link irraa dubbisi.

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 7
Views: 834

Kanas dubbisi!

625: Eega heydii dhiqadhee booda dhiiga ofirratti arge
602: Yeroo xuriin laguu addaan ciccitu ibaadaa akkam godhan?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. Masha Allah heddun gammade garu gaaffin qaba amantii islaama keessati dubarti 1 ol fuuchuun ni hayyamamaa? Quraanni waan hedge qabaa moo jabeesse dhorkine heddun Nana’ osoo tokkoyyu bulchuu hindandeenye dubartii waliti Aqaba amantitti hirkise,deebii keessan nan eega jzk

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button