Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

616: Intala osoo itti hin dabalamin hiikaniif mahriin kennamuu qabaa?

Gaafii: Nama tokko wajji telefoonaan nikaaha hidhanne. Osoo walitti hin dabalamin wal dhabne. Inni si hiika jennaan, maatiin kiyya mahrii siif kennu malee nikaaha hiikuun hin tahu jedhanii didan. Wanti kun akkamitti laallama?

 

 

Deebisaa: Dura dursoo telefoonaan nikaaha hidhachuun ni taha moo hin tahu waan jedhu deebisuu qabna. Nikaahni yoo ulaagaa isaa guuttate telefoonaan hidhuun ni dandahama jechuu ulamaa’iin irratti waliif galanii jiran. Gaafa Nikaan hidhamu san mahrii hangana siif kenna jedhee yoo maqaa dhahee dubbate, walakkaa ykn cinaa kennuufii qaba. (fakkeenyaaf gaafa nikaaha hidhatu yoo birrii 100,000 siif kenna jedhee nikaaha hidhate, osoo itti hin dabalamin yoo nikaaha irraa buusuu fedhe walakkaa isaa birrii 50,000 kennaaf jechu) Yoo gaafa nikaaha hidhatu mahrii laakkofsaan maqaa dhahuu baate, waan barbaade hadiyyaa kenneefii nikaaha irraa buusuu mirga qaba. Garuu yoo gaafa duraa mahrii laakkofsaan maqaa dhahuu baate, gaafa osoo itti hin dabalamin nikaaha irraa buusu wanti waajiba irratti tahu hin jiru.

 

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

=======================

Deebisaa ulamaa biyya alaa

 

Dhiiraafi dhalaan bakka adda addaa taa’anii nikaaha hidhatanii, osoo walitti hin dabalamin yoo inni si hiike jedheen, Mahrii gaaf duraa ahdii seeneef irraa cinaa kennuufii qaba. Yoo gaafa dura nikaaha hidhatan mahrii lakkofsaan maqaa dhahuu baate ammoo, humna qabu irratti hundaayee kennaa wahii kennuufii qaba.

 

Dalabalataan intalti tun nama birootti heerumuuf iddaan lakkaayattu hin jiru. Akkuma inni nikaaha irraa buuseen guyyama san nama birootti heerumuu mirga qabdi. Kanaaf Ragaan Aayaata Qur’aanaati. Rabbiin Suuratul Ahzaab 33:49 irratti akkana jedha.

 

“Yaa warra amantan! Yeroo dubartoota mu’uminaa fuutanii, Sana booda odoo qunnamtii saalaa hin raawwatin isaan hiiktan, Iddaan isin isaan irratti lakkaawwattan isiniif hin jiru. Isaan qanansiisaa, haala gaarii irratti isaan gadi dhiisaa”

 

 

Aayaata Qur’aanaa kana ragaa godhachuun ulamaa’iin wanti irratti waliif galan tokko, Namtichi osoo itti hin dabalamin nikaaha irraa buuse kun yoo deebifatuu fedhe, Sideeffadhe (Raja’atu) jedhee deebifatuu hin dandahu. Akka haarayatti mahrii haaraya kennee nikaaha hidhatuu dandaha. Sababaan ammoo; Dhiirri tokko jaartii isaa hiikee yeroon inni deebifatuu dandahu, yeroo isiin iddaa keessa jirtu qofa. Aayaata Qur’aanaa gubbaa irratti ibsame keessatti, intala osoo itti hin dabalamin hiikan iddaan isii irra hin jiru jedha. Kanaafuu bakka iddaan hin jirretti si deeffadhe jedhanii deebifachuun hin dandahamu.

 

Akka haarayatti manguddoo ergatanii, mahrii haaraya kennanii nikaaha haarayaan fuudhuun ni dandaha.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid