header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

618: Islaamummatti Seenuuf Masjiida Dhaquun Dirqamaa?

Estimated reading time: 2 min

Gaafii: Dubartiin takka akki jettu ‘namni dhiiraa tokko irra deddeebiidhaan shahaadaa qabachuu barbaadaa masjiida na geessi’ naan jedha. Wayta an masjiida geessu ammoo ‘namni kun nama farshoo dhuguu, nama hamaadha’ jedhanii ofirraa na deebisu. Yeroo biraatis namni kun natti deebi’ee, ‘Yoo Masjiida sanitti didan bakka biraattis ta’u na geessi islaamummaa qabachuu barbaada’ naan jedhaa jira. Akkam godhuu qaba?

 

 

Deebisaa: Akka isiin jette kanatti namicha masjiida eega geessiteen booda, ummanni dhugaatii isaa san sababaa godhanii shahaadaa osoo hin qabsiisin deebisuun isaanii dogongora. Nama islaamummaa seenuu barbaadee dhufe qofa osoo hin taane, kama fagoo jiruu harkisanii fiduu barbaachisa. Kaayyoon daa’waa inni guddaan nama gara islaamummaa waamuudha. Nama waa’ee islaamummaa hin beekne barsiisanii gara amantii isaa isa ganamaa deebisuudha. Namni kun farshoo dhuguu fi dhuguu dhabuun isaa dhimma biraati. Wanti nama san farshoo san akka dhugu taasisaa jiru amantii dhabuu isaa ta’uu mala. Kanaafuu nama islaamummaatti seenuu barbaada jedhe shahaadaa qabsiisuun barbaachisaadha.

 

Inni lammataa kan yaadatamuu qabu, namni tokko islaamummaatti seenuu barbaada yoo jedhe masjiida geessuun dirqamaa miti. Guyyama inni seenuu barbaada jedhe san bakkuma sanitti seensisuu barbaachisa. Nama dhugaan islaamummaa seenuu barbaadu haga jum’aan gahutti eegi jedhaniinii osoo islaamummaa hin qabatin jidduu kanatti yoo du’e akkam godhan? Wanti Jum’aan isa eeganiif hin jiru. Dabalataan Sheekota barbaaduunis dirqamaa miti. Namnummaan gaafatame sun amansiisuu ni danda’a. isiin gaafatamte tunis shahaadaa qabsiisuu ni dandeetti.Yoo ofii isiitii akka itti seensisan hin beeknee nama beeku bira geessuudha. Saniin ala isiin yoo ka beektuu seensisuu ni dandeetti.

 

Ulaagaan islaamummaa ittiin nama seensisan waan jabaataa miti. Namni qabxii kana dogogngoratti hubateera. Namoota Islaamummaa nama seensisan kan addaa tahaniifi ulaagaa addaatu jira sehan. Islaamummaatti nama kan seensisu sheekota qofa sehan. Dubbii addaa kan sheekotni jechisiistutu jira sehan. Kun akkasitti hubatamuu hin qabu. Waan jedhamu afaan arabaatiin yoo jechisiisuu wallaalan afaanuma beekaniin qabsiisuun ni danda’ama.

 

“Haqaan Gabbaramaan Allaah malee hin jiru. Nabi Muhammad ergamaa Isaati. Nabi Iisaan ergamaa Rabbiiti malee Ilma Rabbiitii miti. Inni Rabbii miti. Jannatni haqa, Azaabni haqa…” jedhanii seensisuu ni danda’an.

 

Islaamummaa qabsiisuu keessatti shahaadaa lamaan qofa qabsiisuun geettuu miti. Waa’ee Nabi Iisaa AS itti dabaluun wanti barbaachiseef Nasaaratu isatti amana. Kanaafuu waan isaan amananiin shahaadaa qabsiisan. Nama biraatis yoo ta’e waanuma inni itti amanu san akka waakkatu godhuu barbaachisa. Ka dhagatti amanu dhagatti amanuun sirrii akka hin taane itti himanii qabsiisan. Kan mukatti amanus akkasuma akka mukni hin fayyadnee fi faaydaa isaaf hin qabne itti himanii amansiisan. Sababni isaa dhugaan yoo islaamummaa fudhachuu kan barbaaduu, dubbii kana jechuun itti hin ulfaatu. Yoo ka sobaan fudhataa jiru ta’e ammoo arrabni dubbii san jechuu dadhaba. Haala saniin waan namni sun itti amanaa ture san waakkachiisanii seensisan.

 

Kanaafuu nama islaamummaa fudhachuu barbaadu wanti beellamaniif hin jiru. Jidduu kanatti ykn innuu yaada isaa jijjiiruu mala. Yeroma inni yaada isaa qulqulleessee gara islaamummaa as deebi’uu fedha jedhe san shahaadaa qabsiisan. Umrii nama sanii namni harkaa hin qabu. Kanaaf jecha beellamaan achi fageessuun hin ta’u.

 

Sheikh Abdussalaam Xaahir

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 318

Kanas dubbisi!

627: Qabrii Dhiquun akkamitti laallama?
607: Ollaa amantii biroo hordofu wajji akkamitti jiraatan?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button