Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

622: Eega Salaatatti Seenanii Booda Niyyaa Jijjiiruun Danda’amaa?

Gaafii: Namni tokko salaata Asrii osoo hin salaatin dura niyyaa sunnaa salaatuutiin masjiida seenee imaama fardii salaatu argee itti hidhate. Niyyama sunnaa saniin salaata salaatee xumure. Salaanni sun bakka salaata fardii buutii?

 

 

Deebisa Gabaabaa

Nabiin SAW akka nuu himanitti, dalagaan cuftinuu niyyaa irratti rarraati. Ilma namaa tokkoof wanti katabamu waanuma inni nin dalaga jedhee niyyateedha. Kanaafuu eega salaattee booda sunnaa niyyadhee turee amma fardii salaate jechuu hin dandeessu. Salaatni ati niyyatte sunnaa eega ta’ee fardii hin niyyanne waan ta’eef, fardiin sirratti hafee jira. Kanaafuu salaata san deebitee salaatuu qabda.

Dr Liwaa’ul Islaam.

 

Fatwaa Ulamaa’ii biyya alaa

 

ibnu Useeymiin waa’ee niyyaa salaataa jijjiiratuutiin wal qabatee gaafatamee ture. Deebisaan isaa akka armaan gadiiti. Niyyaa salaataa jijjiiratuun karaa sadihiin laallamuu danda’a. Niyyaa tokko waan isa fakkaatutti, niyyaa walii galaa niyyaa tokkotti, akkasumas niyyaa tokkorraa gara niyyaa walii galaatti.

 

Niyyaa tokko waan isa fakkaatutti jijjiiruu

 

Fakkeenyaaf namni tokko sunnaa salaata duhaa salaatuu niyyatee salaatatti seene. Kana booda salaata fajrii salaatuu dhabuu isaa hubate. Eega takbiiraa jedhee salaata sunnaa duhaatti seenee booda fajrii yaadatee niyyaa isaa gara salaata fajriitti deebise. Lachuu raka’aa lama waan ta’aniif niyyaa wal fakkaatuun bakka buusuudhaaf yaale. Kun fudhatama hin qabu. Niyyaan salaata fajrii takbiiraan dura niyyatamuu qaba waan ta’eef. Bifuma wal fakkaatuun salaata Asriitiif niyyatee eega salaatatti seeneen booda Zuhrii salaatuu dhabuu isaa yaadate. Yeroo kanatti niyyaa isaa gara zuhriitti deebise. Kunilleen hin ta’u. Salaatni lachuu jalaa bada. sababni isaa, niyyaan salaata zuhrii durfamee niyyatamuu qaba. kan asriitis irraa kaafameera.

 

Niyyaa walii galaarraa niyyaa tokkotti jijjiiruu

 

Fakkeenyaaf namni tokko sunnaa walii galaa tokko salaatuudhaaf niyyate. Garuu sunnaa salaata fajrii salaatuu dhabuusaa yaadate. Kana booda niyyaa isaa niyyaa guddaa ykn walii galaarraa gara niyyaa salaata tokkootti deebise. Kunilleen fudhatama hin qabu. Guddaarraa gara xiqqaa jijjiiruun hin ta’u.

 

Niyyaa tokkorraa gara niyyaa walii galaatti jijjiiruu

Fakkeenyaaf namni tokko salaata fajrii salaatuudhaaf niyyatee itti seene. Eega salaata jalqabeen booda fajrii salaatuu isaa yaadate. Yeroo kanatti niyyaa isaa gara sunnaa walii galaatti jijjiiruu ni danda’a. Sababni niyyaan salaata tokkoof godhamu niyyaa salaata sunnaa walii galaatiif ta’uu ni danda’a. Dabalataan namni tokko salaata fardii salaatuudhaaf niyyatee itti seene. Akkuma inni jalqabeen namoonni gara masjiidaa ykn bakka inni jiru dhufanii sunnaa niyyatanii salaatatti seenan. Innis isaan wajjiin Jama’aadhaan salaatuuf jecha niyyaa isaa duraan fardiif niyyate gara sunnaa walii galaatti deebise. Haalli kunis ni hayyamama. Salaata fardii ta’erraa gara Sunnaa walii galaatti jijjiire.

 

namni tokko salaata fardii salaatuudhaaf niyyatee itti seene. Yeroo inni salaata eegalu kana namni tokkollee bakka san hin jiru. Akkuma inni salaata jalqabeen namoonni heddu ol seenanii, “dura sunnaa salaannee eegasii fajrii jama’aan salaanna” jedhanii salaata sunnaatti seenan. Eegasii Innis isaan wajjiin Jama’aadhaan salaata FARDII salaatuuf jecha, niyyaa isaa kan duraan fardiif niyyate gara sunnaa walii galaatti deebisee SUNNAA SALAATE. Achi booda namoota isaanitti hidhatee fardii salaate. Haalli kunis ni hayyamama. Niyyaa waan tokkorratti murtaayerraa gara niyyaa walii galaatti jijjiire.

 

Fakkeenya birootiin, Namni tokko salaata fardii niyyatee kophaa isaa itti seene. San booda namoonni muraasni dhufanii salaata fardii jama’aan salaatuu jalqaban. Innis isaan wajji Jama’aan salaatuuf jecha, niyyaa isaa kan fardii sunnaa walii galaatti jijjiiree saffisaan xumuree, fardii ammoo jama’atti hidhatee salaatuu mirga qaba.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid