header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

625: Eega heydii dhiqadhee booda dhiiga ofirratti arge

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Dhiiga heydiirraa qulqullaayee dhiqadhee eega xahaarfadhee ibaadaa jalqabeen booda dhiiga ofirratti arge. Maal godhuu qaba?

 

 

Deebisaa: Wanti heydiin walqabatu kun waan xiyyeeffannaa guddaa barbaaduudha. Dubartoonni dhimma kana of eeggannaa guddaan baratanii beekuu isaan barbaachisa. Garaagarummaa dhiiga kaaniitiifi dhiiga heydii adda baasanii beekuu qaban. Akkasumas dubartoonni dhiigni kiyya guyyaa meeqaaf tura kan jedhu, haala ji’oota dabranii irraa adda baafatanii beekuu qaban. Guyyaan dhiiga heydii dhaabbataa miti. Kan garii guyyaa shan kan garii ammoo guyyaa torbaaf saddeet turuu danda’a. kanaafuu dubartiin hundi waa’ee dhiiga isii xiyyeeffannaan lakkooftee beekuu isii barbaachisa.

 

Eega guyyaa ofii beekanii haala saniin dhiqatanii booda dhiigni boorawaa fi xuraawaan yoo irraa bahe, dhiiga heydii hin jedhamu. Haa ta’u malee eega xahaaratteen booda dhiigni qulqulluun akkuma duraaniititti irraa yaa’uu itti fufnaan, dubartiin sun ibaadaa dhiisuu qabdi. Abbaa warraatitti dabalamuurraallee of qusachuu qabdi. Yeroo tokko tokko dhiigni heydii haga guyyaa 15 turuu danda’a. yeroo akkanaa kanatti garuu heydii jedhanii ibaadaarraa fagaatuu hin barbaachisu. Guyyaa 15 booda Dhiqatanii of eeggannaa godhaa gara ibaadaa deebi’uu qaban.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa ulamaa’ii biyya alaa

Dhigni Heydii yoom dhaabbata kan jedhurratti garaagarummaan ni jira. Gariin inni xiqqaan guyyaa tokkoo fi halkan tokko kan jedhan yoo ta’u, guddaan ammoo guyyaa kudha shaniif tura jedhan. Ulamaa’iin gariin dhiiga heydii guyyaan daangessuu hin barbaachisu haaluma dhiigaa laalanii murteessuu barbaachisa jedhan. Haa ta’u malee ulamaa’iin hedduun guyyaa 15 booda dhiigni yoo ka yaa’uu, dhiqataniituma salaata hundaaf wudu’a gochaa of eeggannaan salaatuu barbaachisa jedhan.

 

Eega dhiigni heydii dhaabbateen booda dhiigni bifa jijjiirate bahu mala. Bifa isaa laaluudhaan waa’ee dhiiga sanii murteessuu dandeenya. Bifa boora ykn magaalatti dhihaatu yoo qabaate, wanti kun dhiiga heydiitii miti. Kanaafuu dubartoonni wanti bifa akkanaa qabu yoo isaanirraa bahe, dhiqatanii ibaadatti deebi’uu qabu. Ummu Aaxiyaan Rabbi isiirraa haa jaalatuu akkana jette. “Eega dhiigni heydii dhaabbateen booda waan daalacha ykn magaala qaama keenya keessaa bahu homattuu hin laakkofnu” jette. Kanaafuu wanti qaama keessaa bahu bifa akkanaa qabaannaan dhiqataniituma ibaadatti deebi’uu isaan barbaachisa.

 

Fakkeenyaaf akka aadaatti dhiigni heydii intala takkaa guyyaa torbaaf tura yoo ta’e, guyyaa shanaffaa irratti dhiigni bifa daalachaa ykn magaalaa yoo bahe, dhiiga heydiiti jedhamee fudhatama. Sababni isaa guyyaa isiin akka aadaatti beektu keessatti waan itti dhufeefi. Haa ta’u malee guyyaa torbaffaan booda dhiigni bifa daalacha ykn ammoo magaalaa yoo irraa bahe, guyyaa aadaa dabarsee waan jiruuf akka dhiiga heydiitti hin fudhatamu. Dubartiin sunis dhiqattee ibaadatti deebi’uu qabdi.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 531

Kanas dubbisi!

631: Heydii akkaan dheerattee daangaa dabartu akkam godhan?
612: Dubartiin Heydii Irra Jirtu Qur’aana Akkamitti Qaraati?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button