Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

626: Osoo janaabaa hin dhiqatin manaa bahuun dilii qabaa?

Gaafii: Jaarsaa fi Jaartiin walitti dabalamanii eega janaabayaniin booda, osoo qaama hin dhiqatin janaabuma saniin gara dalagaa deemuu keessatti badiin jiraa?

 

 

Deebisaa: Ilmi namaa karaa garagaraatiin janaabayuu danda’a. Tokko jaarsaa fi jaartiin yoo walitti ida’amaniidha. Kan lammataa ammoo manaamaan walitti dabalamuudha. Kun lameenuu dhiqannatti haajama. Haa ta’u malee dhiqannaa tursiisuun rakkoo hin qabu. Ramadaana keessa namni suhuuraaf ka’e, suhuura nyaatee niyyatee soomana isaa eega jalqabeen booda dhiqachuu ni danda’a. kanaafuu yeroo sanitti dhiqachuu dhabuun isaa sun soomana hin miidhu. Haaluma wal fakkaatuun namni janaabaye osoo hin dhiqatin manaa yoo bahellee badiin irra hin jirtu.

 

Guyyaa tokko Abu Hureeyraan (Rabbi irraa haa jaalatuu) Nabii wajjiin SAW osoo deemaa jiruu jalaa miliqe. Xiqqoo turee gara Nabii SAW deebi’e. Rasuullinis SAW “eeysatti dhabamte?” jedhanii gaafatan. Abu Hureeyraanis “Yaa ergamaa Rabbii, janaabaa qabaa si waliin deemuu qaanfadheeti” jedheen. Ergamaan Rabbiitis SAW “Yaa Abu Hureeyraa bar mu’minni hin najifamu” jedhaniin.

 

Kanaafuu Janaabaadhaan deemuun rakkoo takkallee hin qabu. Badiidha jedhames irratti hin katabamu. Haa ta’u malee osoo salaatni hin gahin yoo bishaan argatan bishaaniin dhiqatuu barbaachisa. Yoo bishaan dhabame ammoo tayamumma godhuun ni danda’ama.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

=========

 

Deebisaa Ulamaa’ii biyya alaa

 

Janaabaa osoo hin dhiqatin tursiisuun rakkoo hin qabu. Fakkeenyaaf namni hedduun osoo janaabaa qabu rafuu ni danda’a. Haga yeroo salaata fajriititti tursiisee salaata dursee dhiqachuu ni danda’a. Ta’ullee rafuu isaatiin dura wudu’a gochuun ni jaalatama. Hadiisa Umar gabaase keessatti, Ergamaan Rabbii SAW, “Namni tokko osoo janaabaa qabu rafuu danda’aa?” jedhamanii gaafataman. Rasuulli (SAW) “Eeyyan ni danda’a. Garuu yoo barbaade wudu’a godhee haa rafu” jedhanii deebisan.

 

Namni janaabaa qabu ji’a soomanaa keessatti osoo janaabaa hin dhiqatin soomana niyyatee qabatuu danda’a. Haa ta’u malee haga aduun baatutti eeguu hin qabu. Akkuma sa’aan salaata fajrii seeneen dhiqatuu isa barbaachisa.

 

Shiekh Saalah Al Munajjid