Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

630: Mallaqa Biyya Alaatti Liqeeffadhe Yoo Biyyatti Gale Akkamitti Deebisa?

Gaafii: Biyya alaatti mallaqa yoo namarraa liqeeffatan gaafa biyyatti galan mallaqa kam deebisan?

 

 

Deebisaa: Maallaqa biyya alaatti liqeeffatte san maaliin akka deebistu murteessuu mirga namni qabu nama liqeesse.  Jijjiirama sharafaa kan fide yeroodha malee nama liqeessee miti. Maallaqni inni sirraa barbaadu tanuma gaafa duraa siif liqeesse sani. Maallaqni gosa gaaf duraa irraa fuute sun sharafa har’aatitti meeqa akka tahu ni beekkama. Kanaafuu hanga irraa fuute gatii har’aatiin hisaabdee kennuufii qabda. Walumaa galatti sharafni ni guddate jedhanii dhoorkachuun hin tahu. Abbaan liqeesse garuu siif dhiisuu yookaan sharafa gaafa duraatiin naaf kenni jechuus mirga qaba.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

Ibsa dabalataa

 

(Amata 10 dura namni tokko Ameerikaa keessatti Doolaara 100 yoo siif liqeesse. Nama Kanaan Finfinnee keessatti barana wal argitan. Achi booda mallaqa kiyya naaf deebisi siin jedha. Amata 10 dura jechuun bara 2012tti doolaarri 100 hanga birrii 1800 tti sharafamaa ture. Kanaafuu amma sharafa gaafa saniitiin birrii 1,800 siif kenna jechuu mirga hin qabdu. Abbaan mirgaa nama mallaqa liqeesse malee kan liqeeffatee miti. inni yoo fedhe mallaqa siif liqeesse guutuu siif dhiisuu ykn sharafa gaafa saniitiin sirraa fudhachuu mirga qaba.

 

Ati yoo Doolaara 100 harkaa qabaatte, $100 kan yeroo ammaa harkatti itti kennuu qabda. innis baankii dhaqee sharafa ammaatiin sharafata. Yoo doolaara harkaa hin qabaannee ammoo, birrii itiyoophiyaa sharafa ammaatiin kennuufii qabda)