Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

631: Heydii akkaan dheerattee daangaa dabartu akkam godhan?

Gaafii: Heydii akkaan dheerattee daangaa dabartu akkam godhan?  Akkasumas yeroo takka takka ammoo guyyaa lamaa fi sadi qofa narra turee bada, maal godhuun qaba?

 

 

Deebisaa: Haawwolii fi Shamarran dhimmi heeydii kun haalaan isin yaachisuu qaba. Marsaan heeydii keessanii yeroo kam yookaan hagamitti akka dhufuufi, guyyaa meeqa akka isin irra turu sirritti beekuu qabdan. Heeydiin kee eega xahaarattee booda, guyyaa duraan sirraa qulqullaahuu booda yoo sitti deebi’e yookaan sirra ture, dhiigni sirraa bahaa jiru kun heeydii keetiin yoo kan walfakkaatu tahe hamma guyyaa 15 eeguu qabda. Yoo guyyaa 15 dabre ammoo dhiiga illaa waan taheef, sun salaata, soomanaa fi jaarsattis ida’amuu si hin dhoorku. Wanti sirra jiraatu salaata cufa irratti wuduu’attee, huccuu fi bakka itti salaattu san akka hin tuqne of eeggachuun salaataafi soomana jalqabda.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

 

Akka ulamaa’iin harki caalu irratti waliigalanitti, dhiigni dubartii irraa bahu guyyoota 15 yoo ture, kan san booda bahu heeyditti hin lakkaahamu. Kanaaf, ji’a itti aanu wanti godhuu qabdu, guyyaa kanaan dura itti jalqabu irraa hanga guyyoota aadaa isii heeydiin kanaan dura irra turu san eeggattee, (fakkeenyaaf kanaan dura ji’a irraa guyyaa jalqabaa itti dhufee guyyaa torba kan irra turu yoo tahe, hangas eeggattee dhiqatti) San booda dhiigni dhufus yoo jiraate huccuu fi bakka itti salaattu san akka hin tuqne of eeggachuun salaataafi soomana jalqabdi.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid