header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

640: Hayyama Jaarsaa Malee Qaadiin Nikaaha Buusuu Danda’aa?

  • Home
  • Bultii
  • 640: Hayyama Jaarsaa Malee Qaadiin Nikaaha Buusuu Danda’aa?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Intala takka fuudhee yeroo gabaabaa eega waliin jiraannee booda woggaa tokko booda ni deebi’a jedhee waadaa galeefii isii biyyatti dhiise gara biyya biroo deeme. Yeroon woggaa takka xumuramnaan koottu gali hogguu isiin naan jettu, woggaa tokko itti dabaladhee gala jedheen. Hogguu kana maatii kiyya bira dhaqa jettee na hayyamsiifattee deemte. Achumaan mana qaadii dhaqxee haala isii himattee nikaha ofirraa faskii goote. Qabeenya ammoo akka mana murtii biyyaatti waan nuti qabnu addaan qoodan. Hikkaan tuni guutuudha moo akkami?

 

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii! Namni lama wolfuudhu jechuun jaalalaa fi waliigalteedhan malee dirqiidhaanii miti. Ati isii mallaqaan hin bitanne, isiinis si hin bitanne. Haqxi isiin sirraa qabdu ammoo nyaataa fi dhugaatii qofaa miti. Haqa sireedhaallee sirraa qabdi. Jaartiin tee waggaa tokko guutuu eega siif hayyamtee booda waggaa tokko itti dabalachuun kee sirrii miti. Isiin ammoo qaadii bira dhayxee nikaaha ifirraa buusuun mirga isiiti. Kanaafuu nikeenni bu’ee jira. Haata’uutii qabeenya wal irraa qoodachuun shari’aa islaamaa keessa hin jirtu. Kanaan ala qabeenyi waliin horattan yoo jiraate haqa isii kennuufiin sirra jira. Isiillee dhifama gaafachuun  gaariidha. Kanaan ala nikeenni ati isii irraa qabdu hin jiru. kanaaf Nikaha ilaalchisee wanti ammaa achitti ati buuftuu fi dhiiftus hin jiru jechuudha.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 909

Kanas dubbisi!

648: Jaartii obboleessaa dhaaluun akkamitti laallama?
617: Rakkoo ofirraa oolchuuf waadaa diiguun akkamitti laallama?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button