header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

641: Intalti Heydii irra jirtu Ka’abaa Yoo Xawaafte Maaltu irrajira?

  • Home
  • Dubartii
  • 641: Intalti Heydii irra jirtu Ka’abaa Yoo Xawaafte Maaltu irrajira?
Estimated reading time: 1 min

Yaa Gabrittii Rabbii! Islaamummaan torbaan Heydii kana keessa waajiba akka salaatallee sirraa buufte. Salaataaf qadaanis sirra hin jiru. Soomanas yeroo heydii hin soomantu, garuu sooma waajibaa yeroo biroo qadaa ni baasta. Akkasuma Xawaafnillee heydiidhaan hin tahu. Osoo heeydiin sirra jiraachuu beektu achi dhaquun sirrii miti. Kanaaf Towbaa godhuu qabda. Xawaafas yeroo biroo irra deebitee Xawaaftee bakkaan gahachuu qabda.

 

Dr.Liwa’ul Islam

 

Deebisaa Ulamaa’ii Biyya alaa

 

Dubartiin Heydiin irra jiru Ka’abaa Xawaafuun haraama. Xawaafa Waajibaatis tahee kan Sunnaadhaa heydiidhaan raawwachuun haraama. Ergamaan Rabbii (Sallallaahu Aleeyhi Wasallam) Yeroo tokko A’ishaan (Radiyallaahu Anhaa) osoo hajjii irra jirtu heydiin itti dhufnaan; “Wanta hujjaajonni raawwatan hundaa raawwadhu, garuu xawaafa hin godhin” jedhaniin.

 

Xawaafaan ala gochoota raawwataman kanneen akka Sa’yii yookaan Safwaa fi Marwaa jidduu deddeebi’uu, arfaa dhaabachuu, Muzdalifaa fi Minaa buluu, Jamaaraat dhakaa darbachuu fi kan kana fakkaatan, dubartii heydii irra jirtu irrattis Haraamaa miti. Kanarraa ka’uun dubartiin takka eega Xawaafa xumurtee booda yoo heydii ifirratti argite, yokaan sa’yii irra osoo jirtu yoo heydiin itti dhufe homaa rakkoo hin qabu.

 

Walumaa galatti, dubartiin hajjiis tahee umraa gootu yoo heydiin itti dhufe, waan isii irraa eeggamu hunda xumurattee eega qulqullooftee booda Xawaafa isii guuttachuu qabdi. Hanga heydiin irraa qulqullaayee dhiqattutti xawaafa godhuu hin qabdu.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 319

Kanas dubbisi!

644: Niqaaba Uffachuun Dirqamaa?
637: Dubartoonni Yoo Jama’aan Salaatan Miilaan Wal Tuquu Qabanii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. Anif jarsii kiyyaa amantii Islaamaa keessatti dhalanee oolla tokkotti guddaane osoo woliin hin fudhiin dura ani gara biyyaa sa’udii Arabiyaa deeme turtii woggaa lama booda gara biyyaa deebi’e eegas booda bultii woliin ijaraane osoo guyyaa tokko wolitti hin mufaatiin ammas marsaa lammataa gara sa’udii Arabiyaa deebi’ee hojjii hojjaachuu itti fuufe osoo kanan gaffii tokko inni fuula faceboock isa irraatti waa’ee amantii bira maxxansee argeen maalii maxxansiite jechuun gaffaadheen innis deebisa akkas jechuun naaf deebisee amantii kan dhunfatii si hin galchuu dalagaa biyyaa batef dalagii gaffa biyyaa deebite feetu amantee fedhu baatu itti dhifte naa woliin jiraata jechuun naaf deebisee.
    Inni akkas jeenan yeroo hedduu irraa deddeebi’ee gorse dhiisu inni dinaan manguddoo itti baase sanas dide .anis amantii tiyyaa qaali Islaamummaa dhisu hin barbaadu.isa dhiisu murteesse.
    Amma woggaa 4 geenya jirra furmaata dhabeen gara keessaanitti iyyaadhe waan isiin naan jeetan obsan egaadha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button