Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

641: Intalti Heydii irra jirtu Ka’abaa Yoo Xawaafte Maaltu irrajira?

Yaa Gabrittii Rabbii! Islaamummaan torbaan Heydii kana keessa waajiba akka salaatallee sirraa buufte. Salaataaf qadaanis sirra hin jiru. Soomanas yeroo heydii hin soomantu, garuu sooma waajibaa yeroo biroo qadaa ni baasta. Akkasuma Xawaafnillee heydiidhaan hin tahu. Osoo heeydiin sirra jiraachuu beektu achi dhaquun sirrii miti. Kanaaf Towbaa godhuu qabda. Xawaafas yeroo biroo irra deebitee Xawaaftee bakkaan gahachuu qabda.

 

Dr.Liwa’ul Islam

 

Deebisaa Ulamaa’ii Biyya alaa

 

Dubartiin Heydiin irra jiru Ka’abaa Xawaafuun haraama. Xawaafa Waajibaatis tahee kan Sunnaadhaa heydiidhaan raawwachuun haraama. Ergamaan Rabbii (Sallallaahu Aleeyhi Wasallam) Yeroo tokko A’ishaan (Radiyallaahu Anhaa) osoo hajjii irra jirtu heydiin itti dhufnaan; “Wanta hujjaajonni raawwatan hundaa raawwadhu, garuu xawaafa hin godhin” jedhaniin.

 

Xawaafaan ala gochoota raawwataman kanneen akka Sa’yii yookaan Safwaa fi Marwaa jidduu deddeebi’uu, arfaa dhaabachuu, Muzdalifaa fi Minaa buluu, Jamaaraat dhakaa darbachuu fi kan kana fakkaatan, dubartii heydii irra jirtu irrattis Haraamaa miti. Kanarraa ka’uun dubartiin takka eega Xawaafa xumurtee booda yoo heydii ifirratti argite, yokaan sa’yii irra osoo jirtu yoo heydiin itti dhufe homaa rakkoo hin qabu.

 

Walumaa galatti, dubartiin hajjiis tahee umraa gootu yoo heydiin itti dhufe, waan isii irraa eeggamu hunda xumurattee eega qulqullooftee booda Xawaafa isii guuttachuu qabdi. Hanga heydiin irraa qulqullaayee dhiqattutti xawaafa godhuu hin qabdu.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid