Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

649: Hukmiin nama osoo ibaadaa qabu zinaa dalaguu maali?

 

Yaa gabroottan Rabbii!  Wanni dalagaa namaa balleessu shirkii, Kufrii fi Murtaddummaadha. Haata’uu ammoo namtichi osoo salaatu, osoo zakaas kennatuu, osoo soomana soommanuu fi hajjiis deemu Zinaa dalagu kun; Rabbiin isa haa qajeelchu, badii guddaa irra jira. Diliin guddoon shirkitti aantu zinaadha. Dalgaan isaa inuma irraa qeebalamti. haata’u ammoo zinaa dalaguu isaatiif azaabni isaaf ol kaahame akkaan hamaa waan taheef dafee haa towbatuu. irraahis haa deebi’uu. Qixaaxa isa eeggatu keessaa tokko wanti inni dhugu malaa qaama saalaa dubartii keessaa bahuudha. Ibiddi azaabaa isa eeggatus kan kophaati. Kanaaf jecha namni ibaadaa qabu ibaadaa isaallee hin qisaasin. towbatee zinaa dhiisee gara Rabbii isaatti deebi’uu qaba.

 

Dr. Liwaa’ulislaam