header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

650: Obboleessa jaarsaa duratti hijaaba mulqachuun hayyamamaa?

  • Home
  • Bultii
  • 650: Obboleessa jaarsaa duratti hijaaba mulqachuun hayyamamaa?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Obboleewwan jaarsa kiyyaa maaliif hijaaba nu duratti uffatta; nu waliinis maaliif hin nyaane jechuun na dhiban. Kana biras dabranii “nu jibbiti” jedhanii obboleessa isaanii kan jaarsa kiyyaa waliinis wal nu dhabsiisan. Haala kana keessatti hijaaba kiyya irratti cichuun badii ni qabaa?

 

 

Deebisaa: Yaa Gabrittii Rabbii! Waa hunda dura ajaja Rabbii keetii irratti cichuun mallattoo iimaanaa irraayi. Kanaaf ammas Rabbiin imaana siif haa dabalu! Yeroo ammaa dubartiin obboleessa jaarsa isii irraa hajjabachuu dhabuudhaan namoonni heddu kaasaaraa jiran. Bifuma walfakkaatuun gurbaanis obboleettii jaartii isaa irraa fagaatuu dhabuudhaan, dilii fi rakkoo hamtuu keessatti kufaa jira. Akka nama waliin dhalateetti waliin nyaataa, waliin jiraataa, boodarra ammoo zinaa dalaganii manni isaaniitis kan diigame lakkoofsa hin qabu. Nabiin keenya- Salallaahu Aleeyhi Wasallam- obboleessa jaarsaa ykn obboleettii jaartiitiin walitti makamuun du’a” jechuun dubbatan.

 

Kanaafuu gurbaan si fuudhe yoo ka Rabbi sodaatu tahe; yoo kan imaana waa xiqqoollee kan qabu tahe, obboleeyyan isaa waliin akka teessee nyaattu si dirquu irraa of haa qusatu. akkasumas hamtuu ati hin qabneen “warra kiyya jibbita” jechuu irraa if qusachuu qaba. Ammas haadhaa abbaa isaa irraa si fageessee kophatti mana siif haa godhu. Yeroo hedduu dubartiin haadha jaarsa isii waliin waliif galuun itti ulfaata. Kun hukmii shari’aa keessa jiraachuu baatus, wanti akkanaa yoo kan jiraatu tahe waa xiqqoo adda fageessumatu irra woyya. Gurbaan dhiiraa rakkoo bultii keessatti isa qunnamtuuf, manguddoota hangafa isaa tan diinii beekanii fi sodaa Rabbii qaban mari’achiisuun gaariidha.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 1206

Kanas dubbisi!

652: Jaartii ofii keessummaa duratti waliin nyaachuun akkami?
648: Jaartii obboleessaa dhaaluun akkamitti laallama?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button