Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

654: Nama raagu bira dhaqanii dawaa fudhachuun akkamitti laallama?

Gaafii:  namni tokko warra waa raagu, warra barjee dalaguu fi warra sihrii dalagu bira dhaqee dawaa yoo fudhate maaltu irra jira?

 

 

Deebisaa: Yaa Gabroottan Rabbii! Nabiin Keenya (Salallaahu Aleeyhi Wasallam) akki jedhan, namni warra waa laalu fi warra waa himu, kan tasbee, moora, bunaa, kitaabaa fi kanneen biroo ilaalu bira dhaqe; kan warri kun waan kana hidhadhu, horii bifa kanaa qalii dhiiga dibadhu, yookaan ammoo waan akkasii fidi warroota jedhan bira namni dhaqe, guyyaa afurtamaa salaatni isarraa hin qeebalamu jedhan. Kanaaf jecha bakka akkanaatii dawaa barbaaduun Rabbiin ufitti dallansiisuudha. Saahirtootaa fi falfaltoota bira namni tokkollee akka hin dhaqne waliif dhaamaa irraa fagaadhaa.

 

Dr. Liwaa’ulislaam