Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

660: Raka’aa lamaan boodaa keessatti faatihaa malee suuraa biroo dabaluun tahaa?

Gaafii: Salaata keessatti raka’aa lamaan duraa irratti faatihaafi suuraa biroo qara’ee, raka’aa lameen boodaatis haaluma wal fakkaataan yoo salaate rakkoon ni jirtii?

 

 

Deebisaa: humaa rakkoon hin jirtu. Salaata raka’aa 4 qabu keeysatti raka’aa lamaan duraa faatihaafi suuraa biroo qara’an. Raka’aa lameen boodaa ammoo suuraa faatihaa qofa qara’anii rukuu’a godhan. Karaan irra filatamaan isa kana. Ammoo yoo raka’aa lameen boodaa keessattis suuraa biroo dabalate salaanni kee hin badu. Karaan irra filatamaan sunnaa Rasuulaa jala deemuudha.

 

Dr. Liwaa’ulislaam