Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

662: Tajaajila keessatti haadhaafi abbaarraa kamtu caalmaa qaba?

 

Sahaabtichi tokko gama Ergamaa Rabbii (SAW) dhufee, “Yaa Nabii Rabbii, namni an akkaan tola itti ooluu qabu eenyu?” jedhee gaafate. Rasuullis (SAW) “Haadha teeti” jedhaniin. Achi booda hoo jedhee gaafate. Ammaas “Haadha teeti” jedhanii deebisaniif, ammaas yeroo 3ffaaf irra deebi’ee “Achi booda hoo?” jedhee gaafate. Ammas “Haadha teeti” jedhanii deebisaniif. Yeroo 4ffaaf irra deebi’ee gaafannaan, “Abbaa keeti” jedhanii deebisaniif.

 

Kanaaf tajaajilli haadhaa kan abbaa irra guddaadha. Haati tee garatti si baadhattee, duydattis si baadhattee waan hedduu siif taatee si guddiste.  islaamummaa keessatti haqni haadhaa ija addaatiin ilaalama. Atis tajaajila keessatti haadha tee ija addaatiin ilaaluun qabda. haatahuu ammoo Abbaa keetis tajaajili, haqa isaatis eegiif. Ammoo haqxi haadhaa afur keessa harka sadi qabdi.

 

Dr. Liwaa’ulislaam