Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

664: Hoteela foon booyyee itti gurguramu keessa hojjachuun akkami?

Gaafii: Hoteela booyyee fi karkarroon keessatti gurguramu keessa hojjadha. An waan san hin nyaadhu garuu achi keessa dalaga. Hukmii shari’aatti akkami?

 

 

Deebisaa: Rabbi Qur’aana isaa keessa waan gaaritti wal ajajaa, hamtutti wal hin ajajinaa nuun jedhe. Bakka san keessatti hojjachuun ammoo ma’asiyaa irratti nama gargaaruudha. Kan lammataa ammoo wanti mana san keessa jiru kan itti dhugan fi nyaatan akkasumas kan ittiin hojjatan hundi najisa. Kanaaf jecha bakka san irraa fagaatuu barbaachisa. Nama waan tokko Rabbiif jecha dhiise Rabbi waan san caaluun bakka isaaf buusa.

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Foon booyyee fi karkarroo gurguruun, ykn ammoo baadhatanii bakka tokko geessanii mallaqa fudhachuu fi nama waan kana daldalu gargaaruun dhoorkaadha. Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “Rabbii fi ergamaan isaa gurgurtaa farshoo, foon baktii, foon booyyee fi sanama gurguruu dhoorkaniiran.”

Rabbillee Qur’aana keessatti Suuratul Maa’idaa Suuraa 5ffaa aayaa 2 irratti akkana jedhe;

Waan gaarii dalaguu fi hamtuu dhiisuu irratti wal gargaaraa, Dilii fi daangaa cabsuu irratti wal hin gargaarinaa.

Akkuma foon booyyeedhaa wantoota haraama ta’an kanneen birootis dalaguun dhoorkaadha. Muslimoonni Rabbi sodaatuudhaan galii halaalaa karaa ittiin argatan irratti xiyyeeffatuu qaban. Namni waan haraamaatiin qaama isaa ijaaru qaama isaa san ibiddaaf qopheessaa jira. Ergamaan Rabbii SAW “nama waan haraamaatiin qaama isaa gabbisuuf, ibiddi isaaf gaha” jedhan.

Dhaabbilee daldalaa Wantoota haraama kan akka dhugaatii alkoolii fi foon booyyee gurguran keessa hojjachuu fi qarshii argachuun haraama. Kafaltiin sanirraa argamus haraama, sababni isaas kun cubbuu fi daangaa dabruu irratti tumsuu waan ta’eef. Rabbilleen hamtuurratti wal hin gargaarinaa daangaallee hin darbinaa nuun jedheera.

Akka walii galaatti dhaabbata foon booyyee akka dabalataatti gurguru keessa hojjachuun rakkoo hin qabu. Haa ta’u malee dalagaalee haraamaan wal qabatan tokkollee gargaaruu hin qabdu. Haa ta’u malee guutumaan guututti dhaabbanni sun foon booyyee fi wantoota haraamaa dalaga taanaan achi keessa hojjachuun haraama ta’a.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid