Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

667: Osoo wal hin tuqin siree tokkorra buluun zinaa jedhamaa?

Gaaffii: Intala biyyaa baatee mana namaa hojjataa turte takka, bakka isiin hojjattuu baasee mana kiyyatti siree takka irra wajjiin bulle. Haata’utii intala tana osoo hin tuqin, ganamuma san maatii isiitti bilbilannee nikhaha hidhanne. Gaafas siree takkarra wajjiin buluun keenya nikhaha san ni balleessaa?

 

 

Deebisaa:

1ffaa-Dubbiin intala waliin siree takka irra raftanii osoo hin tuqin buluun kee kun yoo dhugaa taate, halakan san yeroo dheeraa haasaya fedhii namaa kakaasuun wal cafaqaa buluun keessan; siree takka irra ajnabiyaa waliin buluun kee-dogongora.

 

2ffaa- Kun hunduu tahee dhugumaan kan isiin heeydii hin qabaatin, Rabbumaaf jecha if qabdee walqunnamtii godhuu dhabuun kee ammoo ati milkooytee jirta. addatti ajrii guddaa Rabbii biraa qabda. Namni tokko osoo humna qabu, osoo haalli hundi mijaaheefii jiru Rabbii isaatiif jecha intala takka irratti hamtuu dalaguu irraa yoo if qabe, dalagaa gaarii dalagee jira. Rabbirraa ajrii kan argatu tahuu ragaan qissaa beekamaa jara sadeen goda keessatti balbalti isaanitti cufamteeti.

 

Qissaa Jara Sadeenii: “Nama sadi tahanii gaara dhaqanii achumatti Roobni isaanitti roobee jennaan goda keessa seenan. Achumatti dhagaan guddaan goda keessatti isaanitti cuqqaale. Akka Rabbiin isaan irraa dhagaa kana banuuf Jarri sadeenuu Kheeyrii dalagne jedhan yaadachuun Rabbiin ittiin kadhatan. Jara sadeen keessaa tokko; “Yaa Rabbii kiyya!ati ni beekta, intala adeera kiyyaa tan akkaan bareeddu rakkattee maallaqa na kadhattee jennaan, Zinaa sirratti akka dalagu yoon naaf hayyamte siif kenna jedheen isiin ani Rabbiin sodaadha jettee maallaqa kiyyas diddee deemte. Haatahu malee Rakkoon isitti hammaannaan lammata deebitee waan feete san argadhuuti waahuman nyaadhee dhugu naaf kenni jette. Anis fedhii kiyya guutachuuf kofoo baafadhee luka isii lamaan jidduu eega seenee booda, yoo kan Rabbiin sodaattuu zinaa narratti dalaguun dubrummaa kiyyas narraa hin balleessin naan jette. anis hoggasuma Rabbiif jecha dhiisee ka’ee maallaqas fudhuu deemi jedheen. isiinis nagahaan deemtee. Yaa Rabbii kiyya tanuma naaf ilaalii; jennaan hoggasuma dhagaan sun bikka irraa shunquuqee ifti muldhatteef… jarri lameenis wanta garagaraa Rabbi biraa qaban himachuun dhagaan sun duraa ka’ee nagahaan bahan”. Egaa dubbiin teetis tanuma fakkaatti. Kan isiin heeydii hin qabaatin, kan atis dhukkubsattee hin dhiisin yoo tahe ati milkooyte!

 

Haatahuu garuu siree takkarra ajanabiyaa waliin buluu keetiif, akkasumas intala hojii irraa baasuu keetiif dilooytee jirta. toowbadhuu Rabbiin kadhadhu. Sun dogongora guddaadha! Kanaa achitti Nikheenni keessan homa takkallee rakkoo hin qabu. Haatahuuti intala tana jabeefadhu, eega hajaa irraa fixattee booda quufe jettee kophatti isii hin gatin. Isiinis hojii amaanaa namaa dhiiftee bahuun sun dogongora guddaa waan taheef, towbattee gama Rabbii deebi’uun isirra jirti.

 

Dr. Liwaa’ulislaam