header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

669: Salaata Duhaa yeroo akkam salaatan?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Salaata duhaa salaatuu fedhaa, yeroon isaa yeroo akkami?

 

 

Deebisaa: Salaatni duhaa ganama yeroo aduun ol baaterraa kaasee salaatamuu ni danda’a. Akka fakkeenyaatti ganama saa’aa 7:00 ykn ammoo akka lakkofsa biyya teenyaatti saa’aa 1:00 irraa kaafamee salaatamuu ni danda’a. yeroo kanarraa qabee haga aduun Samii walakkaa hin seenin, salaatuun ni danda’ama. Akka saa’aatitti zuhrii dura saa’aa takka dursanii xumuruu barbaachisa.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

Salaatni duhaa salaata eega aduun baateen booda salaatamuudha. Akkuma maqaan isaa ibsutti; bahiinsa aduu booda kan salaatamuudha. Saa’aan isaa eega aduun baatee booda kan jalqabuudha. Akkasumas yeroon salaata zuhrii seenuun duratti kan raawwatamuudha.

 

Akka Sheikh Useeymiin himetti, salaatni duhaa eega aduun baatee daqiiqaa 15 booda irraa jalqaba. Akkasumas daqiiqaa 10 Yeroo salaata zuhrii dursee xumurama. Kanaafuu wanti jidduu kana jiru hundi yeroo salaata duhaati.

 

Salaatni duhaa yeroo jaalatamaa ni qabdi. Sunis wayta oo’i aduu ganamaa cimuu jalqabuudha. Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “Salaata duhaa yeroo oo’I aduu cimee ilmoo gaalaa gubuu eegalutti salaatuun filatamaadha” (Sahih Muslim 748)

 

Hadiisa kana bu’uura godhachuun ulamaa’iin yeroo kun yeroo tokko sadaffaan guyyaa dhumate irraa jalqabee haga yeroon salaata zuhrii gahuuti jedhan.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Yaada Dabalataa

Bara Rasuulaa SAW sa’aatiin akka amma fayyadamnuu kun hin jiru. Aduu laalanii itti fayyadamaa turan. Rasuullinis SAW wayta ajaja dabarsan dimshaashatti; ‘yeroo aduun baatu, yeroo aduun dhiitu, yeroo oo’itu….’ jedhaa himan. Namni salaata duhaa salaatuu fedhu eega aduun baatee mataa ol qabatte irraa jalqabee haga yeroon salaataa zuhrii gahuutitti salaatuu mirga qaba. Haa ta’u malee yeroon salaata zuhrii kun qajeelatti beekamuu qaba.

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 374

Kanas dubbisi!

671: Namni akkaan ariifate tayammumaan salaatuu danda’aa?
661: Imaama salaata dheeressu akkam godhan?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button