Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

670: Nama ibaadaa hin qabne waliin jiraachuun akkami?

Gaafii: Gurbaa tokko kan hin soomanne, kan araada hedduu fi amala hamaa qabuu wajji nikaaha godhanne. Maatiin kiyya dhiisii biraa gali naan jedhan. Inni ammoo gad na lakkisuu hin fedhu. Gara maatii kiyyaa moo gara jaarsa kiyyaa gora?

 

 

Deebisaa: Waan maatiin kee laalanii rakkoo gurbaa irratti argan sitti himan kana ati xiyyeeffannaa keessa galchaa hin jirtu. Jaalala gurbaaf qabdu qofa laalaa jirta. Jaalala isaaf qabdutu hamtuu isaa san akka xiyyeeffannaa itti hin kennine si godhaara. Osoo badii kana cufa argitu dubbii gurbaati moo ka warra keenyaa dhagaya jettee gaafatuunuu sirrii miti. Nama hin salaanne, nama hin soomanne, nama diin Rabbii hin qabne irraa wanti gaafatamu hin jiru. Gama Shari’aatiinis nama akkanaa jalaa bahuu wanti si dhoorku hin jiru.

Dr Liwaa’ul Islaam

================

Fatwaa biyya alaa

Nama ibaadaa Rabbii hin qabne waliin jiraachuun dhoorkaadha. Namni salaata dhiise diin keessaa bahee jira. Dubartoonni muslimaa ammoo dhiira Muslima hin tahin waliin akka jiraatan hin hayyamamu. Rabbi qur’aana keessatti akkana jedha;

 

Yaa warra Rabbitti amantan, dhalaa mu’minaa yoo hijraa gootee isinitti dhufte qormaataa. Rabbiin iimaana qalbii isaanii keessa jiru ni beeka. Yoo dhugaan amanuu isii hubattan, warra kuffaaraatti hin deebisinaa. (Mumtahinaa 60:10)

 

Dubartoonni Rabbitti amanan, dhiira Rabbitti hin amanne wajjiin jiraachuun isaaniif hin hayyamamu. Rabbilleen kanaaf yoo dhugaan amanuu isaanii hubattan isaanitti hin deebisinaa jedhee nu ajaje.

 

Nikaahni dubartii Rabbitti amantee fi dhiira Rabbitti hin amanin jidduu jiru diigamaadha. Yoo tawbatee Rabbii isaatti deebi’e gaa’elli sun fayyaa ta’uu ni danda’a. Dhiironni akkanaa sheeyxaana isaanitti taphatu irraa towbatanii gara Rabbii deebi’uu qaban.

Sheikh Saalaah Al Munajjid