header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

675: Rifeensa Gabaabsuun Dubartiif Hayyamamaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: intalti takka rifeensa yoo gabaabsatte hukmii shari’aatti akkami?

 

 

Deebisaa: Wanti intalti ittiin boontuu fi namni dhiiraa intalarraa ittiin gammadu rifeensa. Abbaa manaatiin wal taatanii yoo rifeensa gabaabsatte rakkoon hin jiru. Haa ta’u malee yahuudaa fi nasaaratti fakkaachuudhaaf jecha gabaabsuun shari’aa keessatti dhoowwaadha.

Dr Liwaa’ul Islaam

 

==============

 

Fatwaa biyya alaa

Islaamummaa keessatti dubartootaaf rifeensa gabaabsuun haraamaa miti. garuu yeroo dhoorgaa tahutu jira.

1ffaa: Eega rifeensa gabaabsitee booda ajnabii dura ittiin deddeemuuf yoo gabaabsite

2ffaa: Dubartoota Muslima hin tahinitti fakkaachuuf yoo gababsite

3ffaa: Dhiiratti fakkaachuuf yoo gabaabsite

4ffaa: Mana rifeensaa warra dhiiraa dhayxee namni dhiiraa yoo gabaabseef

5ffaa: Dubartiin heerumte hayyama abbaa warraa malee yoo gabaabsite haraama taha.

Qabxiilee shanan asii olitti tarreeffaman irratti of eeggannoo cimaa godhuu barbaachisa.

 

Dubartiin takka abbaa warraa isiitti bareeduuf jecha yoo rifeensa gabaabsatte, akkasumas humnaa ol itti dheeratee isii rakkisee yoo gabaabsitee fi sababaalee shari’aa keessatti fudhatama qabaniif jecha yoo gabaabsite mirga qabdi. Islaamummaa keessatti wanti tokko dhoorkaa ta’uu isaatiif ragaan Qur’aanaa fi hadiisaa yoo hin dhufnee, wanti sun hayyamamaadha jedhamee fudhatama.

 

Sunnaa keessatti wanti dubartoota rifeensa isaanii gabaabsuu dhoorku hin himamne. Inumaa rifeensa gabaabsuurratti kan qajeelchutu jira. Abu Salaamah ibn Abdurrahmaan ‘dubartootni rasuulaa SAW rifeensi isaanii fiixee gurraa bira akka hin dabarreef ni gabaabsu ture’ jechuun isaa gabaafameera. (Muslim, 320)

 

Shiekh ibn Useeymiin (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedhe, “rifeensa gabaabsuun ulamaa’ii tokko tokko biratti jibbamaadha, tokko tokko biratti ammoo dhoorkamaadha, warri hayyamus ni jira. Yeroo dhimmi mormisiisaan akkanaa argamu dubbii gara Qur’aanaa fi hadiisaa deebisuu qabna. Haga argetti wanti rifeensa gabaabsuu dhoorku Qur’aanaa fi Sunnaa keessa hin jiru.”

 

Dubartootni rifeensa isaanii wayta gabaabsan kana gabaabsanii kan dhiiraatti qixxeessuun isaanirratti dhoorkaa ta’a. Ergamaan Rabbii SAW dubartoota dhiiratti fakkaatan abaaranii jiran. Kanaafuu rifeensa akka dhiiraatti gabaabsuun haraama irratti ta’a.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 1343

Kanas dubbisi!

704: Dubartiin hoggaa jaarsi irraa du’e, guyyaa hagamiif gufufuu qabdi?
668: Kafiila Jalaa baduun akkamitti laallama?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button