header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

676: Zakaa obboleessarratti baasuun danda’amaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: An hojii qaba. Waan carraaqqadhu kana keessaa zakaa obboleessa kiyyaaf kennuu danda’aa?

 

 

Deebisaa: Zakaan arkaana islaamummaa keessaa isa tokko. Rabbilleen Suuraa Tawbaa keessatti namoota zakaan kennamuuf, namoota saddeet dubbateera.  Warra san keessa hin jirre, Haadhaa fi Abbaa keetii fi jaartii teetiif zakaa kennuu hin dandeettu. Namoota kanniiniin ala jiran, Akaakoo, Adeera, Adaadaa, Haboo, Obboleessaa fi Obboleettiidhaaf kennuun ni danda’ama.

 

Namoonni zakaa baaftanii fi madrasaadhaaf mindaa barsiisotaa gootan, ammas warri masjiida ittiin ijaartan waan kana keessatti Rabbi sodaatuu barbaachisa. Horiin zakaa bakka itti baafamu qaba. Madrasaanis hin ijaaramu, barsiisotaafis akka mindaatti hin kafalamu. Rabbiin namoota kanniiniif qooda godheefii jira. Mindaan isaaniitis mallaqa biraa irraa bahuu qaba. Akkuma san masjiidnilleen horii zakaatiin hin ijaaramu.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

=============

 

Fatwaa biyya alaa

Zakaa nama firaa kan haqa godhatuu kennutu nama fira hin taaneef kennuurra caala. Sababni isaa zakaa firaaf kennuun waan lama of keessatti hammata. Zakaa kennuu fi rahima ykn fira maxxanfatuudha. Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “Sadaqaan hiyyeessaaf kennamtu sadaqaadha. Garuu sadaqaan firaaf kennamtu waa lama. Sadaqaa fi fira maxxanfatuudha. (Nasa’ii 2581, Tirmizii 658)

 

Haa ta’u malee firoonni kunniin namoota isaan irratti mallaqa baasuun dirqama sirratti ta’u taanaan zakaa isaanii kennuun dhoorkaa ta’a.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 650

Kanas dubbisi!

711: Jaarsi kiyya abbaa kiyya akka hin gargaarre na dhoorke
662: Tajaajila keessatti haadhaafi abbaarraa kamtu caalmaa qaba?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button