header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

678: Sujuud at-tilaawaan waajibaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Namni tokko osoo Qur’aana qara’u yoo bakka sujuudaa gahe sujuuduun isarratti dirqamaa?

 

 

Deebisaa: Sujuud at-tilaawaan sunnaa jajjabduudha. Kanaafuu akka walii galaatti namni tokko yeroo Qur’aana qara’u, yeroo imaama duubaan salaatuufi yeroo Qur’aana dhaggeeffatus sujuuduun sunnaa cimtuudha. Namni sujuuduu dhabe ammoo diliin irra hin jiru. Guyyaa tokko Zayd ibn saabit osoo Qur’aana Nabii SAW irratti qara’u bakka sujuudaa gahe; garuu hin sujuudne. Rasuullinis SAW sujuudi isaan hin jenne.

 

Amiiral Mu’miniin Umar ibn Al Khaxxaab gaaf tokko Khuxbaa godhee, osoma Khuxbaa godhu aayata sajdaa qara’e. yeroo kanatti gad bu’ee sujuude. Guyyaa biraa ammoo akkasumatti aayaa sajdaa biraa qara’e. yeroo kanatti garuu hin sujuudne. Itti aanseetis “Rabbiin Sujuudattilaawaa dirqama nurratti hin goone” jedhe. Kanaafuu Sujuudni tilaawaa waajibaa miti.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

==============

 

Fatwaa biyya alaa

Qur’aana keessatti bakki sujuudni barbaachisu kudha shantu jira. Ta’us namni qara’us ta’e namni dhaggeeffattu sujuuda godhuun Jaalatamaadha malee Waajibaa miti. Yeroo salaata keessaa namni sujuudattilaawaa godhuu barbaade takbiiraa wayta bu’uu fi ol ka’us jechuu qaba. Garuu salaataan alatti takbiiraa jechuun barbaachisaa miti.

 

Namni tokko osoo Qur’aana waan akka reediyoo irraa dhaggeeffatu bakka Sujuud at-tilaawaa yoo gahe akkam godhuu qaba jedhamee Shiekh ibn Baaz gaafatamee ture. Yeroo deebisu akkana jedhe; “Yoo namni Qara’aa jiru sun sujuuda godhe malee dhaggeeffataan sujuuda akka godhu hin ajajamne. Guyyaa tokko Zayd ibn Saabit (RA) Suuratul Najmiin Rasuula irratti SAW qara’aa ture. Bakka aayaa sujuuda yoo gahu sujuuda hin goone. Ergamaan Rabbiitis SAW sujuuda godhi isaan hin jenne. Waan sujuuduu dhabeefis isa hin qeeqne. Kanaafuu hadiisa kanarraa akka hubannutti dhaggeeffataan tokko yoo namni qara’u sujuuda hin goonee sujuuda godhuu dirqama akka hin qabne agarsiisa.

 

Sujuud-at-tilaawaan salaata keessattis ta’ee salaataan alatti sunnaadha malee waajibaa miti. Kana ammoo hadiisa Zayd ibn Saabit fi Umar irraa argannerraa hubatuu ni dandeenya.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 655

Kanas dubbisi!

612: Dubartiin Heydii Irra Jirtu Qur’aana Akkamitti Qaraati?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button