Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

681: Du’aa’iin sujuuda sahwii keessatti jedhan tami?

Gaafii: Sujuuda Sahwii (Sujuuda irraanfii) keessatti du’aa’iin ykn zikriin jedhamtu maali?

 

 

Deebisaa: Du’aa’ii fi Zikriin Sujuuda Sahwii keessaa kanuma yeroo salaataatiin wal fakkaataadha. ‘Subhaanrrabiyal a’laa, Subbuuhun qudduusun…, Subhaana zil mulki wal malakuuti…, zikrii wayta sujuuda salaata keessaa jedhamtu tan fedhan jechuun ni danda’ama.

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Wanti addaa kan ergamaan Rabbii SAW sujuuda sahwii keessatti jedhanii jiran jedhamee sahiihaan gabaafame hin jiru. Sahaabotarraayis wanti addaa hin dhufne. Kanaafuu namuu sujuuda Sahwii keessatti waanuma sujuuda yeroo salaata keessaa jedhu jechuu mirga qaba.

Sheikh Saalaah Al Munajjid