Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

684: idaa nama du’erra jiru akkamitti deebisan?

Gaafii: Abbaan Warraa kiyya Amaanaa namni isarraa qabuu fi kan inni nama irraa qabus akka too’attu galmee cufa haadha isaatti kennee waan hunda itti dhaamee biraa du’e. Haati isaa tun amaanaa namaa kafala jechaa horii narraa fuudhaa osoo hin kafalin karaa irraa maqsiti. Kan isaatis kan namarraa fuutu hin kennitu. Ani ammoo galmee waan hin qabneef, waan isarratti hafeefi kan isaa nama biroo irratti hafes hin beeku. Haalli kun akkami?

 

Deebisaa: Yaa Gabrittii Rabbii! Haati jaarsa keetii tun yoo amaanaa namaa ilma isii irraa hin galchin fuula Rabbiititti isimaatu itti gaafatama. Atillee ammoo galmeen haadha isaa bira jiraa waan beektuuf, usuun sirra hin jiraatu. Tanaaf jecha karaa barbaachisaa tahe hundaan gaafachuu qabda. Abbootii horiitiinis galmeen horii keessanii haadha isaa bira jira. anis maallaqa hanganaa isitti kennee jira jettee beeksisuu qabda.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

 

 

Deebisaa Ulamaa’ii Biyya alaa

Idaa nama du’e irra jiru ilaalchisee qajeelfamni hukmi shari’aa kan waliigalaa akka armaan gadiiti.

 

Namni tokko namticha du’e irraa horii qaba jedhee yoo dhihaate, namni qabeenya namticha du’ee dhaale akkanumaan ka’ee kafaluu hin qabu. Dubbiin namtichaa dhugaa tahuu karaa lamaan mirkanaahuu qaba. Kan jalqabaa, namtichi amaanaa biraa qaba jedhu ragaa nama lamaa fidachuu qaba. Yookaan ammoo waraqaa walii galtee harkaan barreeffameefi yoo barruun nama du’ee sun kan beekkamu tahe dhiheefachuu qaba. Yookaan ammoo waraqaa waliigaltee san birratti ragaan nama lamaa yoo jiraatanis ni taha.

 

Ulamaa’iin gariin ammoo sharxii dabalaataa, akkaataa armaan oliitiin eega mirkanaahee boodallee, namtichi haqa nama du’e irraa qaba jedhu, qaadii afotti kakachuu qaba jedhan.

 

Ulamaa’iin gariin ammoo maatiin nama du’ee qabeenya dhaaluuf mirga qaban, gaafii namtichi dhiheesse ragaalee amananii yoo fudhatan, kakachuun isarra hin jiraatu jedhan.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid