Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

685: Salaata booda aayatal Khursii qara’uun akkami?

 

Wanni Nabiin keenya-Salallaahu Aleeyhi Wasallam- jabeessanii nuuf dhaaman inni tokko Salaata shanan booda;  suuratu al-Naas, suuratu al-Falaq fi aayatal Khursii qar’auudha. Suuraalee kanniinii fi aayatal Khursii qara’uun faaydaa fi sadarkaa gurguddoo heddu qaba. Sheeyxaanaa fi wantoota nama waswaasan kanneen biroo irraa tika Rabbii argachuuf suraaleen kunniin bu’aa guddaa qaban. Hoggaa rafanii fi salaata booda qara’uu akkaan jabeefachuu barbaachisa.

 

Dr. Liwaa’ulislaam