header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

691: Namni dhukkubu soomana akkam godha?

Estimated reading time: 2 min

Gaafii: Namni tokko fayyaa hin qabu ni salaata, garuu soommanuu hin dandeenye. Murtiin isaa maali?

 

 

Deebisaa: Namni tokko kan ibaadaa godhu, kan salaatu garuu kan isa dhukkubu, fayyaan isaa kun booda ni fayya taanaan, hanga fayyu eeggatee soomana qadaa baasa. Yoo fayya dhabni isaa ka zalaalam walitti dhaabbatu ta’e, guyyaa soomanaa san guyyuu nama tokko nyaachisa. Takkaa walitti qabee, xumura baatii irratti nama soddoma bakka tokkotti, takkaa qoqqooduun nama shan shaniin, kudha kudhaniin nyaachisuu danda’a. yoo akkuma dhukkube sanitti aakhirame, homaa irra hin jiru.

 

Dr Liwaa’ul islaam

 

 

Fatwaa biyya alaa

 

Nama dhukkubsatu tokkoof soomanuun ulfaataa yoo ta’e, soomanuu dhiisutu irra isaaf caala. Eega fayyeen booda guyyoota osoo hin soomanin dabarse qadaa deebisuu qaba.

 

Ragaan kanaa

Ibn Umar (Rabbi isarraa haa jaalatuu) akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii SAW akkana jedhan, “Akkuma Rabbiin dalagaan haraama ta’e dalagamuu jibbutti, wanti laaffises isaaf fudhatamuu jaalata.” (Ahmad 5832, Albaaniin Sahiih jedheera)

 

Aa’ishaan (Rabbiin irraa haa jaalatuu) akkana jette, “Ergamaan Rabbii SAW filmaatni wanta lamaa yoo kennameef isa irra laafaa filata. Yoo haraama ta’e malee. Haraama taanaan haalaan irraa fagaata.” (Bukhaarii 6786, Muslim 2327)

 

Imaam An-Nawawiin (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedhe,

“Hadiisni kun Dalagaa laaftuu filatuun jajjabeeffamaa akka ta’e nutti mul’isa. Haraamaa fi jibbamaa haga hin ta’initti dalagaa laaftuu barbaachisa. Nama dhukkubsatu tokkoof, soomanuun miidhaa qabaata taanaan soomanuun isaa jibbamaadha. Inumaa soomanuu isaa saniif miidhama taanaan haraama itti ta’a.”

 

Al Qurxubiin (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu ) akkana jedhe;

 

Nama dhukkubsateen wal qabatee wantoota lamatu jiraata:

1.Guutumaan guututti soomanuu hin danda’u. haala kana keessatti soomana isaa furuu qaba. Soomana dhiisuun isarratti waajiba ta’a.

 

2.Yoo soomane miidhamuu fi dadhabuu danda’a. haala kana keessatti soomanuurra dhiisutu irra filatama. Nama jaahila ta’e qofatu soomanuu filata.

 

Ibn Qudaamaa (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedhe;

 

“Namni dhukkubsatu tokko ciniinnatee yoo soomane, waan jibbamaa tokko raawwate. Sababni isaa waan kana boodaan waan qaama isaa miidhutu dhufuu mala. Akkasumas seera Rabbiin laaffise dide.”

 

Shiekh Useeymiin (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) akkana jedhe,

“kanarraa dogongora mujaahiddiinotaa fi warra dhukkubsattootaa hubatuu dandeenya. Soomanni akka isaan miidhuu danda’u osoo beekan furuu didan. Tola Rabbiin isaanii oole, seera Rabbiin isaaniif laaffise fudhatuu diduun of miidhuudhaan dogongora hojjatan. Rabbi akkana jedha:

 

Lubbuu teessan hin ajjeesinaa (Nisaa’ 4:29)

 

Namni dhukkubsatu tokko doktora haalaan amanamaa ta’e mariisisuu isa barbaachisa. Namni tokko dhukkubbii sanirraa ni dandamata amantaan jedhu yoo jiraate, haga fayyutti eegee, waan silaa osoo hin soomanin dabarse qadaa deebisuu qabaata. Sababni isaa Rabbi Qur’aana isaa keessatti akkana jedha:

 

Ammoo namni ramadaana keessa dhukkubsatu, yookaa imaltuu irra jiru, hanga baatii ramadaanaarraa hin soomanin yeroo biraarraa soomana. (Baqara 2:185)

 

Haa ta’u malee dhukkubni sun dhaabbataa yoo ta’ee fi irraa fayyuudhaaf abdiin yoo hin jiraannee, haga lubbuun jiru waan ramadaanarraa dabarseef adada guyyaatiin nama tokko nyaachisuu isa barbaachisa. Rabbi qur’aana keessatti akkana jedha;

 

Duuba namni isinirraa hoggaa waytiin soomanaa dhufte dhukkubni soomanarraa isa dhoorku itti jiru, hanga ramadaanarraa hin soomanin guyyoota biraarraa soomana. Warri isinirraa matumaanuu soomanuu hin dandeenye, soomana dhiisanii (guyyarraa) hiyyeessa tokko nyaachisan. (Baqaraa 2:184)

 

Rabbi qur’aana keessatti akkana jedha;

Haga dandeettaniin Rabbi Sodaadhaa. (taghaabun 64:16)

 

Sheikh Saalaah Al Munajjid

 

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 389

Kanas dubbisi!

695: Ramadaana keessa guyyaan wal qunnamtii salaa raawwachuun akkami?
690: Ji’a Rajab keessa soomanni ajajame jiraa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button