header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

692: Namni bultii jaaruuf walii kakatee kakuu diige akkam godhuu qaba?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Nama tokko wajji waadaa waliif gallee nikaha hidhanne. Boodarra garuu waa irratti argee beellama san yoo diige, Nikeenni hoo ni diigamaa?

 

 

Deebisaa: Gurbaan yookaan intalti takka “ani simalee hin heerumu” jedhanii waadaa galuun yookaan ammoo kakachuun hin barbaachisu. Kun dogongora. Waan boru yoo rakkoon takka jidduu isaaniitti argamte walitti garagaluu jiran, har’a kakatanii waadaa galuun sirrii miti. Kanaaf jechaa duraan wal sobdanii har’a dhugaan yoo baatee mullatte, isaan lamaan keessaa kan badiin irratti raawwatame, yookaan kan kijibame ani bultii tana hin fedhu jechuu mirga guutuu qaba. Kanaaf Intalti waliigaltee keenya situ diigee na gadi dhiisi jechuu mirga qabdi. Gurbaanis situ waan hin jirre himee na kijibee, kanaaf si hike jechuu mirga qaba. Akka marattuu Nikaan yoo godhamee jiraate bu’uu qaba. Kanaan ala horii hanga kana naaf kennii si hiika jechuun haraama.

Dr. Liwaa’ulislaam

——————–

Deebisaa Ulamoota biyya alaa

 

Gaaffiin tun dhimma lama if keessaa qabdi

1ffaa Kakuu diiguu: Namni tokko dhimma tokko irratti maqaa Rabbiitiin yoo kakate, wanta san guutuu qaba. Haaluma kanaan “ani simalee hin heerumu” yookaan “siin adda hin bahu” jettee yoo kakattee eegasii isaan adda baate; kakuu cabsite saniif kaffaaraa baasuu qabdi. Rabbiin akkana jedha “Rabbiin kakuu osoo itti hin yaadin kakattaniif isin hin qabu, Garuu waan kakuuf murteeffatanii (kakattaniin) isin qaba. wanti isa harcaasus hiyyeeyyii kudhan jiddu gala waan maatii keessan nyaachiftan irraa nyaachisuu yookiin isaan uffisuu, yookiin gabra bilisoomsuudha. Namni hin argatin guyyaa sadi soomuu qaba. Kun karaa badii kakuu keessanii yeroo kakattan ittiin harcaaftaniidha. Kakuu keessan tiksaa! Akka isin galateeffattaniif jecha Rabbiin akka kanatti keeyyattoota isaa isiniif addeessa” Al-Maa’idah 89

 

2ffaa. Dhiiraafi dhalaan takka yoo wal fuudhan hanga dhumaa waliin jiraachuun dirqamaa miti. Yoo namaaf hin tahin adda deemuun karaa godhamee jira. Haatahuuti wanta jaalatamuu miti. Sababni gahaan argamnaan karaa nagayaatiin adda bahuun ni hayyamama.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 1020

Kanas dubbisi!

716: Dubartiin jaarsaan na hiiki yoo jetteen diliin isii maali?
683: Dubra xixiqqoo heeruma hin gahin nikaaha namaa godhuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button