header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

693: Nama Muslima hin tahin waliin afooshaa seenuun hayyamamaa?

Estimated reading time: 1 min

 

Afooshas tahee hojii daldalaa kan birootis nama Muslima hin tahin waliin gurmaayanii dalaguun ni taha. Waan aqiidaa nama islaamaa hin tuqne yoo tahe; Nama Muslima hin tahin waliin dalagachuun ni hayyamama. Haatahu malee waan haraamaa kan shari’aan hin hayyamamne kan akka Ribaa(Dhalaa), daldala farshoo fi kanneen biroo yoo qabaate waliin hojjachuun yokaan gurmaahuun hin tahu.

Sheikh Abdurrahmaan Shariif

===============

 

Deebisaa ulamaa biyya alaa

Qajeelfamni bu’uuraa, namni Muslimaa warra Muslima hin tahin waliin hojii daldalaa kanneen akka horii horsiisuu, qonna yokaan ammoo gurmaahina biroo kamiinuu hojjachuun ni dandahama. hanga hojiin sun waan haraamaa hin tahinitti, hamma walitti dhiheenyi namoota kanniin waliin qabnu dhimma duniyaa qofa tahetti waliin hojjachuun rakkoo hin qabu. Ulamaa’iin gariin akki jedhan, nama Muslima hin tahin waliin hojjachuun kan hayyamamu, yoo hogganaan hojii sanii Muslima tahe qofa jedhan. Kun dhimma amanamummaa waliinis kan walqabatuudha. Namni waliin hojjattu kan si hin ganne, kan hojii haraamaa keessa hin makne tahee, walitti dhiheenyi keessan dhimma duniyaa/biiznasii bira kan hin dabrineefi yoo ati hojii kana toohachuu mirga kan qabdu tahe ni hayyamama jedhan.

 

Irra caalaan garuu nama Muslima hin tahin waliin hojii daldalaa irratti gurmaahuu dhiisanii, kan Muslimaa waliin gurmaahutu irra caala. Kun qabeenya waliin dhimmoota amantaan dirqama godhe, safuu fi mooraalii amaantiin islaamaa nama ajaju hunda salphatti akka tikfattu si gargaara.

 

Shaykh ‘Abd al-‘Aziiz ibn Baaz (Rahimahu Allaah)

 

 

Guduunfaa


Dhimma duniyaa irratti nama amantii fedhe hordofu waliin hojjachuun rakkoo hin qabu. wanti of eeggannoo guddaa barbaachisu amanamummaadha. yoo wal amantiin jiraate, yoo hojiin hundi seera qabeessa tahe. yoo waan shari’aan islaamaa dhoorgu tahuu baate waliin hojjachuun hayyamamaadha. shari’aa Islaamaa keessa wanti nama Muslima hin tahin waliin hojjachuu dhoorgu hin jiru.

 

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 497

Kanas dubbisi!

711: Jaarsi kiyya abbaa kiyya akka hin gargaarre na dhoorke
656: Nama waa namaa kennee namatti gaabbu akkam godhan?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button