header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

695: Ramadaana keessa guyyaan wal qunnamtii salaa raawwachuun akkami?

  • Home
  • Soomana
  • 695: Ramadaana keessa guyyaan wal qunnamtii salaa raawwachuun akkami?
Estimated reading time: 2 min

Gaafii: Anii fi Abbaan mana kiyyaa guyyaa adii ramadaanaatiin walitti qananiine. Gama kootii wanti kun badii akka ta’e beekee kaffaaraa narra jirus ofirraa baase. Garuu abbaa manaa kiyyatti hin himne.

 

 

Deebisaa: Ramadaana keessa walitti ida’amuun ma’siyaa gurguddoorrahi. Abbaan mana keetii si dirqamsiisee yoo sitti qanani’e, sirra tawbaatu jira kaffaaraan sirra hin jiru. Ammoo walii galteedhaan isin lachuu yoo walitti qananiitan isin lachuurra kaffaaraatu jiru. Mata mataan baatii lama lama soommanuu qabdan. Yeroo kana keessattis addaan furuun hin danda’amu. Yoo dirqamaan wantootni soomana cabsan isinitti dhufe qofa furuu dandeessan. Inni dhukkubsatee yoo soomanuu dadhabe, atis yoo dhiigni sitti dhufe malee addaan kutuun hin hayyamamu.

 

Yoo haala Kanaan walitti dhaabdanii soomanuu hin dandeenyee, isin lachuu miskiina jahaatama jahaatama nyaachisuudha. miskiina jahaatama jahaatamaa kana bakka takkatti ykn ammoo adda qoqqooduun kudhan kudhaniin, shan shaniin nyaachisuu ni dandeettan. Nyaata yeroo laaqanaa ta’ee yeroo hiraataa yoo nyaachistan nama hunda midhaan bilchaate garaa guutuu nyaachisuu qabdan. Yoo midhaan bilchaate nyaachisuu hin dandeenye ammoo midhaan dheedhii nama tokkoof kiiloo tokkoo fi cinaa kennuu qabdan. fakkeenyaaf nama namni shan ykn kudhan jiruuf midhaan dheedhii yoo kennitan, midhaan dheedhiin waan hin nyaatamneef waan midhaan san ittiin bilcheessan; zayita, shunkurtaa fi waan barbaachisu waliin kennuu qabdan. Walumaa galatti isin lachuu waliin badii qabdan.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

 

Fatwaa biyya alaa

Nama soomana irra jiruuf ji’a ramadaanaa keessa, guyyaa adiidhaan wal qunnamtii saalaa raawwatuun badii guddaadha. Namni waan kana raawwate, jalqabarratti tawbatuu qaba, irra deddeebiidhaan araarama gaafatuu qaba, gaabbuu qabaata, badii dalaguusaa amanuu qaba, waan dalage sanitti gadduu qaba malee ittiin of dhaaduu hin qabu. Namni guyyaa adiidhaan badii kana dalage ammoo badii kanarraa qulqullaawuudhaaf waan raawwatuu qabutu jira.

 

Namni ramadaana keessa osoo soomanaan jiru walqunnamtii saalaa raawwate qabxii kana xiyyeeffannaan dalagaa irra oolchuu qaba. Soomanni isaa kan guyyaa sanii kan jalaa bade ta’us, guyyaa san guutuu nyaataa fi dhugaatiirraa fagaatuu qaba. Kun adabbii isaa kan guyyaa saniiti. San booda eerga ramadaanni raawwateen booda badii dalage kanaaf adabbii cimaa kafala. Adabbiin kunis tartiiba mataa isaa qaba. Kana adabama jedhanii keessaa filatuun hin hayyamamu.

 

Inni duraa gabra bilisa baasuudha. Tarii wanti kun ammatti argamuu dhabuu danda’a. Haa ta’u malee akka carraa ta’ee gabri yoo argamee fi namni badii dalage sun gabra san bilisoomsuu yoo danda’e adabbiin isaa gabra san bilisoomsuudha. Abbaan warraa fi haati warraa waliin badii yoo dalagan gabra lama barbaadanii bilisoomsuu qabaatu.

 

Yoo gabra argatanii bilisoomsuun hin danda’amnee gara adabbii lammaffaatti dabarra. Innis ji’a lama ykn guyyaa 60 walitti dhaabanii soomanuudha. Addaan kutuun hin hayyamamu. Yoo wanti dirqamsiisu jiraate qofa addaan kutuu danda’u. fakkeenyaaf dhukkuba ta’uu danda’a. Akkasumas dubartoonni yoo dhiigni aadaa itti dhufe. Saniin ala addaan kutuun hin hayyamamu.

 

Namni fayyaaf jecha ykn ammoo sababoota shari’aa keessatti fudhatama qabaniif jecha ji’a lama walitti dhaabee soomanuu hin dandeenye, hiyyeessa 60 mata mataan nyaachisuu qaba. Yeroo kanatti nyaachisee quubsuu isa barbaachisa. Yookaan ammoo nyaata nama 60 quubsu mata mataan kennuu danda’a. Haala Kanaan jaarsaa fi jaartii walii galanii yoo badii san dalagan miskiina 120 nyaachisan jechuudha.

 

Guduunfaa

 

Wantoota nama guyyaa soomanaatiin wal qunnamtii saalaa raawwate irra jiran

 

Namni guyyaa tokko keessatti yeroo lamaa fi sadih walqunnamtii saalaa raawwate, adabbii guyyaa tokkoottu irra jira. Namni guyyaa garagaraa keessa soomanaan osoo jiru walqunnamtii saalaa raawwate ammoo guyyoota haga raawwate saniin adabama.

 

Namni waa’ee kaffaaraa osoo hin beekin dura walqunnamtii saalaa raawwates, erga beekeen booda adabbii isaa kaffaluu qabaata

 

Dubartiin yoo dirqamsiifamtee walqunnamtii saalaa san raawwattee fi hayyamni isii yoo keessa hin jiraannee, adabbiin irra hin jiru. Yoo hayyamni isii jiraate garuu, isiinis ni adabamti.

 

Shiekh Saalaah Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 919

Kanas dubbisi!

707: Soomana sunna walitti dhaabanii Soomanuu
691: Namni dhukkubu soomana akkam godha?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button