Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

699: Kittaannaan dhiiraa fi dhalatti garaagarummaa qabaa?

Gaaffii: Absumaa muruun/kittaanniin dhiiraafi dhalatti garaagarummaa qabdii?

 

 

Deebisaa: Absumaan yookaan kittaanniin dhalaa sunnaa dha. Kan dhiiraa ammoo waajiba. Qulfi dhiiraa kun wasaka/balfa guura. Kanaaf najisni meeshaa dhiiraa keessatti walitti akka hin qabamne qulfa/gogaa dhiiraa muruun waajiba. Kan dhalaa ammoo sunnaan fiinxatti qimmiidu dha. Jalatti gadi qabanii irraa kaasuun rakkina guddaa akka fedhii walqunnamtii ajjeesuu, hoggaa ilmoo dhaltus rakkoo irratti fida. Kanaaf akkasitti jalatti irraa haqooquuni fi bikka tokko tokkotti ammoo hidhii qaama saalaa lamaan jalatti irraa kutanii walitti hodhanii isii azzabuun hojii jaahilummaati malee, hukmii islaamummaa keessa hin jirtu. Wanti akkanaa hafuu qabdi.

 

Dr.Liwa’ul Islam

 

 

Deebisaa Ulamoota biyya alaa

 

Ibn Qudamah (Rabbiin rahmata isaa haa godhuu) kitaaba isaa al-Mughni keessatti akkana jedha: “Absuma muruun/kittaanniin dhiira irratti dirqama, dubartiidhaaf ammoo Kabajaadha, malee dubartii irratti dirqamaa miti. Kun yaada ulamoota hedduuti. Imaam Ahmad akkana jedhan: (kittaanniin) dhiiraaf haalan barbaachisa, dubartiidhaaf ammoo barbaachisumaan isaa laafaadha”  ” (al-Mughni 1/70).

Kittaannaa dubartii sunnaan balbala qaama saalaa gubbaan bikka “Clitoris” jedhamu fiinxatti waa xiqqishuu qimmiiduudha.  Guutuu isaa jalatti gadi qabanii kaasuun sunnaa keessa hin jirtu. (al-Mawsu‘ah al-Fiqhiyyah 19/28).

Dhimma kanarratti fedhii dubartii hordofuun gaariidha: kilitooriin dubartoota garii guddina qaba, sun irraa xiqqoo qimmiiduun rakkoo hin qabaatu; yoo garuu akkaan xiqqaa tahe dhiisutu irra woyya. Guddinni qaama dubartii kun haala qilleensa naannawa irrattis hundaahuu mala.