Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

700: Maallaqa liqiitiin dalaganii bu’aa qoodachuun akkami?

Gaaffii: Maallaqa liqiitiin dalaganii bu’aa qoodachuun akkamitti ilaalama?

 

 

Deebisaa: Gaaffiin tun bifa lamaan ilaalamti. Jalqaba yemmuu liqeessituuf yookaan ammoo maallaqa kee itti kennitu, qarshii kuma tokko itti kennitee dhala waliin qarshii kuma tokkoo ol naaf galchita yoo jetteen kuni ribaa taha. Ribaan ammoo Haraama. Yoo ammoo jalqabumarraa maallqa kee yemmuu itti kennitu ‘ittiin hojjadhuutii bu’aa jalaa argamu wajji qoodanna’ yoo jetteen, kun rakkoo takkallee hin qabu.

 

Dr. Liwa’ul Islam

 

 

Deebisaa Ulamoota biyya Alaa

Gaaffiin tun wantoota if eeggannoo cimaa barbaachisu if keessaa qabdi. Namni tokko birrii dhibba takka liqeessee, hogguu liqeessus haatahu sana booda nama liqeeffate irraa birri 110 barbaadaa yoo jedhe, hint ahu. Kun Ribaadha. Ribaan ammoo haraama guddaa irraayi. Shari’aa keessatti liqiin sirrii tahe, maallaqa fudhatanii ittiin haajaa bahanii yeroo waliigaltee isaaniitti maallaquma hanga fudhatanii san qofa deebisuu yookaan ammoo fudhachuudha. Namtichi liqeeffatee kennaa waliin yoo namaa fide yookaan deebises irraa fudhachuun hin taatu. Yoo nama kanaan dura kennaa waliif kennu taate malee.

 

Gama biraatiin namni liqeessuu fi kan liqeeffatu jalqabumarraa waligaalteedhaan shariikaa tahanii waliin hojjachuu ni dandahu. Waliigaltee isaanii keessatti dhibbeentaa (parsantii) bu’aa gamni lamaan argachuu qabu jalqabumarraa ifatti kaahuun dirqama. Parsantii 5, 10 jechuun bu’aa argamurraa namoonni lamaan hanga argatan osoo hojitti hin seenin barreessanii lafa kaahuun dirqama. Yeroo waliigaltee keessatti namtichi liqeeffate ittiin hojjatee bu’aa nama liqeesseef malu kennuun dirqama.  Kasaaraan yoo argamte ammoo gamni lameenuu wanti wal irraa eegan hin jiraatu. Adeemsi kun shari’aa keessatti ‘mudaarabaa’ jedhama. Kasaaraa qoodachuun kan hayyamamu haala kana qofa keessatti.

 

Sheikh Saalaah Al Munajjid