header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

702: Gogaa Qeerransaa uffachuun akka shari’aa islaamaatti akkamitti laallama?

  • Home
  • Qulqullina
  • 702: Gogaa Qeerransaa uffachuun akka shari’aa islaamaatti akkamitti laallama?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Horii tokko kan ofiin du’e (baktaa’e) kal’oo isaatti yoo fayyadaman akkami?

 

Deebisaa: Walumaa galatti wanti du’e Gaala ta’uu, horii ta’uu, re’ee ta’uu gogaa isaa ni hallan (duugan). Kal’oon takka hallamnaan (duugamnaan) halaal taate jechuudha.

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

Gogaan ykn kal’oon bineensota nyaataaf halaal godhamanii, karaa shari’aan ajajuun yoo gorra’ame, qulqulluu waan ta’eef itti fayyadamuun ni danda’ama. Gogaan bineensota kanniinii duugamus duugamuu baatus qulqulluudha. As jalatti kan argamu gogaa Gaalaa, horii, re’ee, arroolee fi kanneen biroo kan islaamummaa keessatti hayyamamoo ta’aniidha.

 

Kal’oon bineensota gogaan isaanii hin nyaatamnee kanneen akka saree, yeeyyii, leencaa fi kanneen biroo ammoo, osoo karaa shari’aan ajajuun gorra’amanillee, akkuma foon isaanii nyaachuun haraam tahetti gogaa isaaniitti fayyadamuunis dhoorkaa taha. Kanaafuu gogaan bineensota kanniinii hallamus hallamuu baatus najisa ta’ee tura. Walumaa galatti gogaan bineensota haraam godhamanii yeroo hunda haraam ta’ee tura. Gogaan bineensota nyaataaf halaal godhamanii garuu, yoo osoo karaa shari’aan ajajuun hin gorra’amin du’an duugamuu ykn hallamuu qaba. Duugamu malee gogaan kun xaahira hin ta’u.

 

Gogaa bineensotaatiin wal qabatee gosa sadihitu jira.

  1. Gogaa qulqulluu: Gogaan kun gogaa bineensota nyaataaf halaal godhamanii karaa shari’aan ajajuun gorra’amaniiti. Gogaan akkanaa duuguun ykn halluun dirqamaa miti.
  2. Gogaa najisa: Bineensi kun karaa shari’aan ajajuun gorra’amus, Gogaan isaa hallamus hallamuu baatus yeroo hunda najisa ta’ee tura. As jalatti gogaa bineensota nyaataaf haraam godhamanii kanneen akka booyyee of jalatti qabata.
  3. Gogaa yoo duugame qulqullaawu: Gogaan bineensota nyaataaf halaal godhamanii garuu ammoo kan karaa shari’aan ajajuun hin gorra’amin, hallamuu ykn duugamuu qaba. Yoo san qulqulluu ta’ee itti fayyadamuu dandeenya.

 

Sheikh Saalah Al Munajjid

 

Ibsa dabalataa: biyya teenya keessatti namoonni tokko tokko gootummaa ibsachuuf gogaa qeerransaa yeroon uffatan ni jira. kun shari’aa islaamaa keessatti dhoorkaadha. Haaluma kamiinuu gogaa bineensota foon isaanii haraam godhamee uffachuun hin hayyamamu.

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 742

Kanas dubbisi!

703: Yeroo wuduu’a godhan akkamitti kaalsii irra haqan?
699: Kittaannaan dhiiraa fi dhalatti garaagarummaa qabaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button