header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

704: Dubartiin hoggaa jaarsi irraa du’e, guyyaa hagamiif gufufuu qabdi?

  • Home
  • Dubartii
  • 704: Dubartiin hoggaa jaarsi irraa du’e, guyyaa hagamiif gufufuu qabdi?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Dubartiin hoggaa jaarsi irraa du’e, guyyaa hagamiif gufufachuu qabdi?

 

Deebisaa: Abbaan manaa, haadha manaa irraa haqa hedduu qaba. Waan heddu waliin dabarsitan, Innis waan hedduudhaan si tajaajiluu mala. Kanaaf jecha eega inni du’een boodas Rabbi akka haqa isaa hin irraanfanneef, baatii afurii fi guyyaa kudhaniif akka gadditu godhe. Kanaafuu baatii afurii fi guyyaa kudhaniif, mana jaarsi kee itti du’erraa hin bahin, Shittoo hin godhatin, hinnaa hin godhatin, hin kukkuullatin, huccuu si qabduu fi huccuu babbareedduu hin uffatin. Waan hafuura hin qabne waan akka saamunaa fi dhadhaa itti fayyadamuu dandeetta. Yoo rakkinni guddaan sirratti jiraate malee mana inni itti du’erraa guyyoota kanniin keessa hin bahin.

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Rabbi Qur’aana keessatti akkana jedha:

 

Warra Jaarsi isaanirraa du’ee, wanti isaanirra jiru baatii afurii fi guyyaa kudhan (osoo hin heerumne eeguu). Yoo yeroon gufufaa dhumte, Waan lubbuun isin feete (heerumuu fi kkf) yoo dalagdan hin dilooytan. (Baqaraa 2:234)

 

Walumaa galatti dubartii takka jalaa abbaan manaa yoo du’e, ji’oota afurii fi guyyoota kudhaniif gufufuun ykn gadduun dirqama isii irra jiru. Yeroo kanatti wantoota qaama isii bareechisaa fayyadamuu hin qabdu. Mana isaa sanii bahuu hin qabdu. Erga yeroon isii dhumteen booda garuu daangaa shari’aa keessaa osoo hin bahin waan lubbuun isii feete dalaguu mirga qabdi.

Rabbi dubartiin abbaan manaa jalaa du’e yeroo haganaaf gufufuu qabdi ykn manuma taa’uu qabdi kan jedhurratti sababaa qajeela nuu hin himne. Ulamaa’iin garuu haalota garagaraa laaluudhaan waan irratti walii galan qabu. Ulamaa’iin akka Ibn kasiir fi Shawkaanii dabalatee kanneen birootis dhimma iddaa du’a abbaa warraatiin boodaa kana, ulfaan wal qabsiisan. Ji’ootni afurii kunniin ammoo qulqulluu ta’uu isii mul’isuu danda’a. Dhiirri waan hin ulfoofneef, erga haati warraa duuteen booda ji’oota kanniin eeguun dirqama isarratti hin godhamne.

 

Sheikh Saalih Al Munajjid

 

Sheikh Muhammad Rashaad Abdullee (Rabbi rahmata isaa haa godhuu) dhaamsa aayaa suuratul baqaraa aaya 234 irra jiru yoo ibsu, “Dubartiin takka yoo abbaan warraa irraa du’e osoo nama biraatti hin heerumin yoo ulfa hin qabaatin baatii afurii fi guyya kudhan taa’uu qabdi. Ammoo yoo ulfa qabaatte haga dhaltutti taa’uutu isii irra jira. eega dhaltee booda heerumuu mirga qabdi, osoo ganama irraa du’ee galgala dhaltellee” jedhe.

 

Sheikh Muhammad Rashaad Abdullee (Rabbi rahmata isaa haa godhu)

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 305

Kanas dubbisi!

705: Doktora dhiiraa harkatti dhaluun hayyamamaa?
675: Rifeensa Gabaabsuun Dubartiif Hayyamamaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button