header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

709: Namni tokko osoo salaatarra jiru yoo fedhiin saalaa itti ka’ee, bishaan irraa yaa’e salaatni sun ni badaa?

  • Home
  • Ibaadaa
  • 709: Namni tokko osoo salaatarra jiru yoo fedhiin saalaa itti ka’ee, bishaan irraa yaa’e salaatni sun ni badaa?
Estimated reading time: 2 min

Gaafii: Namni tokko osoo salaatarra jiru yoo fedhiin saalaa itti ka’ee, bishaan irraa yaa’e salaatni sun ni badaa?

 

 

 

 

Deebisaa: Yaa gabroottan Rabbii, ilmi namaa ruuhii qaba. Namni ruuhiin yoo keessaa baate, du’ee addunyaarraa deema. Ruuhiin salaataa kushuu’a. Salaata keessatti kushuu’a dhabuun sodaan Rabbii xiqqaachuu agarsiisa. Yeroon biraa kan waa itti yaadatan numa jira. Salaata keessa osoo dhaabbatan, fedhinnaa saalaa ofitti fidanii yaadachuun kasaaraa guddoo. Akkuma san osoo isin fedha hin qabaatin, sheeyxaanni nama hin qirqirsaa. Waan akkanaa yoo ka isinitti fidu ta’e, qaama keessan hin qaqqabinaa. Osoo salaattan yoo wanti akkanaa ka isinitti dhufuu zikrii guddisaa. Yaada sanirraa deebi’uu dadhabdanii bishaan yoo bahe salaatni sun badeera waan ta’eef addaan kutuu, wudu’a godhanii irraa deebi’uu feesisa. Of duraaf ammoo akka sheeyxaanni isinitti hin seenne zikrii yeroo hundaa jabeessaa. Du’aa’ii gargaaraa kan sheeyxana isinirraa dhoorkuu danda’u heddummeessaa.

 

Dr Limaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Waswaasni dhibee sheeyxaanni ilma namaa ittiin too’achuudhaaf fayyadamuudha. Ilmi namaa yoo nafsiyyaa isaatiin injifatame wanti yaadu hundi hamaa ta’uu mala. Kanaafuu waan kanniin irraa hobbaafachuuf imaana ofii jabeeffatanii humna sheeyxaanni namarratti qabu laaffisuu barbaachisa. Ibaadaa heddummeessuu, zikrii ganamaa fi galgalaa jabeessuu, irra deddeebiin istighfaara kadhachuu fi kan kana fakkaataniin ofitti jabaatuun dirqama. Ilma namaa aadii kanaa mitii nabiyyoonnis waswaasa garagaraatiif saaxilamanii turan. Garuu du’aa’ii godhatanii deebisaa quubsaa argatanii jiru. Kanaafuu ka duraatii waan kanarraa hobbaafachuuf du’aa’ii godhuun akkaan barbaachisa.

 

Waswaasa salaata keessa dhufee qalbii namaa fudhatuudhaaf yaalu ofirraa deebisuuf yaaluun barbaachisaadha. Ibn Hajar (Rabbi rahmata isaaf haa godhuu) dhimma waswaasaa kanarraa gaafatamee wayta deebisu, “waswaasni dawaa bareedaa tokko qaba. Sunis waan salaata keessa namatti dhufu hunda dagachuudha. Irra deddeebi’ee yoo dhufes irra deddeebi’anii dagachuu feesisa. Yoo wantoota sanniinitti xiyyeeffannaa kennuu dhiisne, hidda nu keessatti hin jabeeffatan. Yeroo gabaabaa keessattis humna nurratti dhabanii nurraa dhabaman. Namni wantoota sanniiniif xiyyeeffannaa kennee yaada keessa seenu garuu, karaa ittiin halaakamu tolfataara. Namoota hedduu kan Kanaan qabamanii miidhaman ni beekna” jechuun deebise.

 

Wanti beekamuu qabu, namni osoo salaatu waswaasni itti dhufe, dhimma humna isaatiin alaatiin yoo itti dhufe hin gaafatamu. Wanti itti dhufe sun haga fedhe waan fokkataa osoo ta’ellee, inni qalbii isaa keessatti jibbee waan san ofirraa deebisuudhaaf carraaqqii yoo godhe badiin irratti hin katabamu.

 

Akka Abu Hureeyraan (Rabbi irraa haa jaalatuu) gabaasetti, ‘Sahaabonni muraasni gara Ergamaa Rabbii SAW dhufanii “waan fokkotaa wahii kan waan san dubbachuu saalfannu ofirratti argine” jedhanii itti himan. Ergamaan Rabbiitis SAW “Dhuguma akkas taatanii?” jechuun gaafatan. Sahaabonnis eeyyan jedhanii deebisan. Ergamaan Rabbiitis “Kun iimaana qulqulluudha” jedhaniin.

 

Gabaabumatti waan san jibbuun mallattoo iimaanaati. Kanaafuu salaata keessatti wanti akkasii yoo nutti dhufe jibbinee ofirraa deebisuuf yaaluu qabaanna.

 

Namni salaata keessa wanti akkanaa itti dhufe haga danda’een waan san irraanfatee salaata isaa irratti xiyyeeffatuudhaaf yaaluu qabaata. Salaata san addaan kutuu hin qabu. Haga danda’een wal’aansoo wal qabee waan san irraanfachuuf yaalaa salaata isaa xumuruu qabaata. Deebisuunis dirqamaa miti.

 

Garuu namni salaatuurratti argamu yoo bishaan irraa bahuu ykn qilleensi irraa bahu mirkaneeffate qofa salaata addaan kutuu qabaata. Shakkiidhaan salaata dhiisuun hin ta’u. Ergamaan Rabbii SAW dhimma kanarraa gaafatamanii, “yoo sagalee dhageette ykn hafuura argite malee salaata hin dhiisin” jedhanii deebisan. Kanaafuu namni salaata keessa fedhiin itti dhagahames bishaan haphiin sun irraa bahee qaama isaa jiisuu isaa yoo mirkaneeffate qofa salaata addaan kuta.

 

Of duraaf of eeggannaa godhuu barbaachisa. Waan wantoota kanniinitti nama geessan irraa fagaatuun dirqama. Fiilmiiwwan garagaraa laaluu, suuraawwan haraamaa laaluu, wantoota fedhinnaa kakaasuu danda’an irraa fagaatuu barbaachisa. Wantoota akkanaa laalaa salaata keessatti ni irraanfadha jechuun ulfaataadha. Jalqabuma wantoota kanniin irraa fagaatuun tarkaanfii duraa ta’uu qabaata.

 

Namni bultii ijaaratee jiru salaata dura fedhiin itti dhagahamee jira taanaan fedhinnaa isaa karaa halaalaatiin geeffatee osoo yeroon salaataa hin bahin salaata isaa salaatuu qabaata. Osoo fedhiin itti jiru salaatee itti deebi’a jechuun waan fakkaatuu miti.

 

Hundaa olitti wantoota salaata keessatti kushuu’a namaa dabaluu danda’an irratti xiyyeeffatanii baratuu fi irratti hojjachuu feesisa.

 

Sheikh Saalih Al Munajjid

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 2438

Kanas dubbisi!

717: Aqiiqaa daa’imaa haadha moo abbaatu baasa?
537: Dahaba warra kiyyaaf bitee jira akkasuma qawweellee.
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

2 Comments

  1. Assalaamualeeykum Warahmattullaahi Wabarakatuhuu

    Dubartiin qabrii ziyaaruun taaati akkami guyyaa awwaala san dhaquu osoo hin taane guyyama biraa deemte nama sanii du’aa’ii kadhatuun akkami mee naa deebisa jzk

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button