Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

715: Qumxaa uffachuun hayyamamaa?

Gaaffii: Namni tokko yeroo wudu’atu qumxaadhaan yoo wudu’ate maal qaba?

 

 

Deebisaa: Wanti dura silaa gaafatamuu malu, qumxaan hayyamamaadha moo dhoorkaadha kan jedhu ture. Qumxaa wanni jedhamu waan jilbaa oliiti. Kanaaf jecha Qumxaan hukmii shari’aa keessatti dhoorkaadha. Bakka silaa sattaramuu ykn dhokfamuu qabaatu irraa fuudhe. Kanaaf jecha wanni jilbaa ol darbe dhoowwaadha. Barmoodaa kan jedhamuu fi jilba bira kan gad taru yoo ta’e rakkoo hin qabu. Garuu Qumxaa uffatanii wudu’achuun wudu’a hin balleessu.

 

Dr Liwaa’ul Islaam

 

Fatwaa biyya alaa

 

Ammaan tana qumxaa uffatanii warra Ispoortii taphatu arguun baramaadha. Kan duraatii ispoortiin dhoorkaa hin qabu. Garuu wantoota waajiba ta’anirraa isin shaagaluu hin qabu. Salaata isin jala dabarsa taanaan dhoorkaadha. Ammoo namni guyyaa guutuu isuma taphataa oolu ammoo yeroo ofirraa balleessaa jira waan ta’eef, nama sanirratti jibbamaa ta’a. Yeroo salaatni gahu salaataa, ammas ispoortima sanitti deebi’a yoo ta’e isa irratti jibbamaa ta’a.

 

Gama biraatiin qumxaa uffatanii taphatuun islaamummaa keessatti dhoorkaadha. Kanaaf jecha namni qumxaa uffatuu barbaadu qaama isaa kan jilbaa ol jiru wahuma ta’een dhoksuu qaba.

 

Sheikh Saalih Al Munajjid