Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

91: Garaagaraummaan Qur’aan qara’uufi dhaggeeffachuu maali?

Gaafii: Namni Qur’aan qara’uufii dhageeffatu akkuma tokko moo waldhaba?

 

 

Deebisaa: Waa hunda dura wanni beekuu qabnu kabajaan Qur’aanni qabu. Qubee Arabii haa ta’uu, qubee biraatiin haa ta’uu, addunyaa tanarratti kitaabni barreeffame tokkolleen ka qubee takka yoo je’an ajrii kudhan argatan hin jiru kalaama Rabbii malee. Nabiin ? akki je’e yoo ALIIF LAAM MIIM jettanii dubbiftan qubeen sadeen Aliflaammiim jecha tokko haa ta’uu malee, harfitti adda addaan Rabbi ajrii namaa kataba. Aliif ajrii kudhan, Laam kudhan, Miimis kudhani. Walitti sawaaba soddoma argatta. Kanaaf jecha wanni Rabbiin akkanatti ajrii namaa katabu Qur’aana malee addunyaa tanarra hin jiru. Kanaafuu gurraan dhaggeeffachuun gaariidha malee akka nama qara’eetti hin laalamu jechu. Akkuma san namni tokko qalbitti qara’a je’ee salaata keessatti afaan isaa walitti qabee osoo hin lullulle suratul faatiyaa qaraee yoo salaate salaanni isaa baaxila. Tanaaf namni tokko hidhii isaa sossoosuu qaba.

Dr. Liwaa’ul Islaam