header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

04: Ambiyoota Meeqatu Ergame? Garaagarummaan Nabiyyiifi Rasuulaa Maali?

  • Home
  • Seenaa
  • 04: Ambiyoota Meeqatu Ergame? Garaagarummaan Nabiyyiifi Rasuulaa Maali?
Estimated reading time: 1 min

Gabricha Rabbii;  ta duraatii hogguma takkallee wanti nuti haasofnu kaalama Rabbiiti. Wanni deebisaa goonuunis akkuma sani itti aansinee jecha Nabii keenyaa qofa. Tanaaf jecha Ambiyoonni lakkoofsi isaanii hagana jechuu Rabbiin Qur’aana keessatti hin dubbanne. Akkuma san rusultoonnis hangana jechuu Nabiin Rabbiillee nuuf hin bayaansine. Ammo ummatni tokko tokko, warren  akka qisasatti himan, ambiyoonni waliigalli isaanii, ambiyootaaf rusltoota jechuun 1,024,000 warri je’ullee ni jira warri qisasaa. Akkuma san, inumaa warri gariin ambiyoota qofatu 1,024,000 malee, warren ergaman nama 313 warri je’us ni jira.  Deebisaan quubistuun Hadiisni akkas je’u sun kan Ibnu Hibbaan odeeyse hadiisa da’iifa/laafaadha. Inumaa warri gariin hadiisa mowudu’a Nabii Rabbii irratti kijibani je’u. Daliilli/Ragaan hadiisa sahiihaa tokkollee hin jiru jennee irraa dhaabbachuudha. Ambiyootaaf rusultoonni lakkoofsa hin qaban, Rabbiin hin himne, Nabii Muhammad nuuf hin baayaansine jennee kijibatti uf dirquu irraa haa dhaabbannuu. Tanaaf jecha ambiyootaaf rusultoota keessaa warreen Rabbiin Qur’aana keessatti ibsee maqaa isaan dubbate qofa dhibbarraa dhibbatti himuu dandeeenya. Sunis toora nama 25 ti. Fakkeenyaaf, Aadam , Idriis, Nuuh, Huud, saalih, Ibrahiim, luux, Ismaa’il, Is’haaq, Ya’aquub, Yuusuf, Ayyuub, Shu’eeyb, Muusaa, Haaruun, Yuunus, Daawuud, Sulyemaan Iiliyaas, Alyasaa’, Zakariyaa, Yahyaa, Iisaa. Warren mufassirtootaa gariin Zulkiflillee keessa jira je’an. isa wajjiin 24. kabajamaan jaalatamaan, kan irraa boodaa kan Rabbiin filatee ergate Nabi Muhammad ? diydamii shaneessa. Haga kana Rabbiin Qur’aana keessatti hime je’an. Duuba tanaaf jecha Rabbiin Lakkoofsa Ambiyootaatiif Rusultootaa nuuf hin dubbanne. akkasuma Nabiin keenyallee nuuf hin ibsine. Kanaaf waan Rabbiin nuuf hin dubbatin tan Nabiin nuuf hin ibsin irraa fagaachuudhatu gaari.

Garaagarummaan Nabiyyiif Rasuulaa ammo, Nabiyyii jechuun nama Rabbiin waahyii itti godhee daandii irra kaayee keeyrii hojjadhu je’een. Rasuula jechuun nama Rabbiin waahyii itti godhee ifiifis hojadhuu, namattillee geessi kan Rabbiin je’een. Garaagarummaan kana. Durri namni Rabbiin dura ergatee maqaa Rusultootaatiin, Nabi Nuuhi amata 950, osoo hin ergaminiin duratti ammo hanga inni taa’e Rabbuma tokkochatu beeka. Ammo warri amata 300fi wahi je’ellee ni jira, garuu hanga da’waa tana irra ture amata 950.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 44
Views: 12447

Kanas dubbisi!

161: Anbiyoota meeqatu Aadamiifi Nuuh jidduu jira?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

3 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button