Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

03: Foon Ummanni Ahlal Kitaab qalan nuuf halaali moo haraami?

Yaa gabricha Rabbi, hogguma takkallee wanti nuti itti amannu akka muslimaatti wahuma Rabbiin nuuf himee nuuf ibsee, ergaa Nabi Muhammad nutti ergee ifa nuuf baase. Rabbiin hoggaa nyaata waan nyaannee dhugnu cufaahuu waan haalaaliif  haraamii quraana keessati ibsee jira. Quraana keessatti waa takka hin hafne. Muslima barachuu dhabetu rakkoo ufirratti fide malee.  Walumaagalattuu warri a’Ahlal Kitaabi jedhamu pirootestaantiif ortodoksiidha. Warren kaatolikii jedhamu takkahuu waaqeffataa jedhamu wanni isaan qalana haraami calla, dhalaa isaanii fuudhuun haram calla. Ammo a’Ahlal Kitaabi ummanni piroteestaantiif ortodoksii ka akka yahuudaa ka akka naasaaraa bakkuma fedhettuu warri amanti jennetti amanan kun waan isaanii nyaachuun halaali Rabbumatu jedhe. Tanaaf jecha bikka kanatti ibsi godhamuu qabu; a’alalkitaabiin sun qaliinsi hardhaan tanaa, kan meeshaa hammayyaatiin qalan harama. Ibiddaan gubuu haa ta’uu, elektirikaan qaluu haa ta’uu, meeshaa hammayyaatti naqanii daqiiqama muraasa keessatti qalanii kaldhoo irraa baasuu kana, wanni akkanaa haram calla. kanarraa fagaatuu qabna. Tanaaf jecha wanni Rabbiin waan Ahlal Kitaabi halaal godhe waan isaan qalani; bikka tana addaan haa baaafannuu.

 

Dr. Liwaa’ul Islaam