Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

48: Hidhaa sodaatanii kijibuun akkami?

Gaafii: Gaaf tokko osoma hojjannuu, ijoollee hojjattoota dhalaa tokko ganda isaanii ziyaarra jennee dhaqnee hulaa itti tuttumnee dhabnaan an ufirraa deeme. Gurbaan tokko hafee odoo tumuu namni ollaa arkee, isa hin beekanii ana yaamanii, dhalaa as keessa jirtuu isin himatee maaliifi jennaan lakkii anilleen gurbaalleen nuti hin dhufnee je’een. Qur’aanaan nu kakachiisan.Yoo boru wanni tun dhugaa taate, anilleen ni hidhama; gurbaanillee dalagaa irraa ari’amaaf kijibe.

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii, wanni ati gaafachuu qabdu, Nin kakadhee kakuu tanaaf maaltu narra jiraa dura, dhalama ziyaaruu san maaltu si geese? Waani obboleettii tee, haboo tee, adaadaa tee hin ta’in dhalaa ziyaaruun atis saahibni keetis haraam calla. Sanirraan hin dhaqne jettanii kakachuun keessan sunilleen balleessa. Dhugaadhaan uf baasan malee kijibaan uf hin baasan. Kanaaf jecha dhalaa ziyaaruu, wajjiin nyaachuu, wajjiin dhuguu, wajjiin kophaa taa’uun, isaanitti laaqqamuun, kasaaraa gurgurdoo waan ta’eef boodaafillee itti hin deebi’in. Waan dabre irratti ammoo Rabbii kee araarama  kadhu. Ta kakuutiif ammoo nama kudhan nyaachisi; takkaa nama kudhan uwwisi; yoo san hin dandeenye soommanatti dabri; soomana guyyaa sadi.

 

Dr. Liwaa’ulislaam