header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

51: Miizeen akka Shari’aatti akkami?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Yoo Rabbiin fedhe heerumaafin biyyatti deema. Shamarran  kiriistaanaafii kaanis silkii natti dhahanii miizee siif ta’uuf huccuu qopheeffanne naan je’an. Miizeen tun Shari’aa keessatti halaalii? Ani waan aadaa Awurooppaa kanallee hin fedhuu dhaamsa maal naaf dhaamtan?

 

Deebisaa: Huccuu qaama nama muldhistu ta aadaa nasaaratiifi yahuudaa hin godhatin. Huccuun ati uffattu magariisa, adii, bunnii waan fedhe haa taatuu akka intala Muslimaatti yoo satrii qabaatte, uffachuu dandeessa. Hanga dhalaa keessa jirtutti fuula banaas taa’uu ni dandeessa. Qaamni kankee ammoo haa sattaramu. Ta diggisiidhaa ammoo sun sumaafi gurbaa laalti. Waan dandeessaniin godhaa yoo hin dandeennellee uf hin dirqinaa. Ta miizeedhaa ammoo dhalaan namaan wajjiin deemtee gizee ati teessu si cinaa taa’anii dhiirtis dhiiraan wajjiin gurbaan miizee godhachuun hukmii shariaatti haraami. Akka aadaa badduu warra baadiyaa intalti miizee je’an tun dhalaa bira buluun dhiirtinis guyyaa lamaa sadi buluun addaan isaan ittisuun haraam calla. Waan akkasii irraa akka fagaattu.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 231

Kanas dubbisi!

52: Eegaan zinaa dalagee nikaaha hidhadhe.
45: Mallaqa kiyya jaarsa kiyyatti kennuu dirqama qabaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button