Press Ctrl/Cmd + P to print
or save as PDF

79: Obboleessi kiyya ka haadhaan garagaraa nikaaha naa hidhuu dandahaa?

Gaafii: Abbaan kiyya anaa xiqqoodhaa addunyaa irraa gale. Obboleessa kiyya ka karaa Abbaatitu na heerumsiise. obboleessi kiyya ka waliin dhalanne numa jira garuu xiqqaadha. nikaahaan kiyya kun akkam?

 

Deebisaa: Yaa gabrittii Rabbii Namni intala dhalaa tana nikaaha godhu, namni mirga qabu nama kudha tokko. Kudha tokkoon kanaan duratti filamaan karaa tokkoffatti kan laallaman nama shani. Fakkeenyaaf ka dura mirga guutuu dhibbarraa dhibbati qabu abbaa kankeeti, ka isatti aanu nama inni itti dhaammate; foon isaa ta’u ta’uu baatu nama inni wakkalate. Ka abbatti aanu, akaakoo ykn abbaa abbaa isiidhaa, ka akaakotti aanu yoo intalti ilmoo dhaltee qabaatte ilmoo isiiti. Yoo tan ammoo ilmoo hin qabne taate obboleessa isiiti, obboleessa boodaan adeera. Obboleeyyan kun ka mirga guutuu qabu ka wajjiin dhalatte ka garaa tokkooti, ka garagaraa achi boodaani. Obboleessi abbaan isin tokkoo ka haadhaan garagaraa waan ka ati waliin dhalattee ka xiqqaa kun si heerumsiisuu hin gahiniin nikaahaan kankee sahiiha.

 

Dr. Liwaa’ulislaam