header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

57: Peepsiifi kookaa dhuguun haraamii?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Biyya Sauudi Arabiyaa keessatti peepsii, mirindaa, kooka koollaafii waan dhugamu cufaahuu haraam godhanii dhoorkan je’anii garuu wanni kun halaali moo haraami?

 

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii, Nabiin keenya ? akki je’e wanni halaalis daliilaan ifa galee jira; haraamillee akkasuma. Wanni gariin ammoo ta halaalis fakkaattu gar tokkoon haraamis fakkaattutu jira. Waan namarratti walfakkaate san namni irraa fagaate, gurra isaatiifii naamusa isaallee tolche. Daliilli kun waan cufa qabata.

Ta peepsiifii kookaa koollaa, warshaan biyya Sa’uudi Arabiyaa keessa ni jira. An ufii garuu ulamaa’ii wal geessee, hin dhuginaa jettu daliila tokkollee itti hin agarre. Peepsiifii waan kana fakkaatu cufa keessatti cooma karkarrootiifi waan akkanaattu godhama je’amee haasawama malee, ulmaa’iin waan kana mataa ufiitiin arke je’ee murtii godhe hin jiru. Kanaafuu yoo shakkiin si keessa jiraatte irraa fagaadhu. Ani gama kiyyaan wanni kun haraami jechuu daliila tokkollee irratti hin agarre. Ulmaa’ii biyya tanaa ta wal geessee fatwaa goote hin agarre. Biyya tana keessatti muftii irraa eegalii ulamaa’iin an dhaqqabe ka duraa sheekh  Abdul aziiz binu Baazi. Ka akka Sheekh Fawzaan, Usayminiifii Abdallaah bin Jibriil tokkoraahuu isaanii fatwaa waan akkanaa godhu hin agarre. Kanaaf jecha waaniin hin argin kaniin ulumaa’iin tun barreessanii hin dubbisin haraami jechuu hin danda’u. Warreen ammoo inni haraam calla siin je’an osoo oduu feesibuukiitiifi intarneeta irratti waan faca’u hin ta’in, waan kana dhaqanii ija ufiitiin yoo arkan san isaan irraa bilcheeffadhu.

 

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 202

Kanas dubbisi!

62: Shaayii oowwituu afuufataa dhuguun dhoorgaa qabaa?
48: Hidhaa sodaatanii kijibuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button