header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

60: Soomana namaaf soomanuu niin dandayaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Haati tiyya walitti dhaabdee yeroo sadii soommana keessa deessi, yoo isiirraa bikka bu’ee soommane danda’aa?

 

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii, namni tokko osoo addunyaa irra jiruu, waan isarratti Rabbiin dirqama godhe namni tokkollee bikka bu’ee godhuu hin danda’u. Walumaagalatti haati tee ta Ramadaan keessa deesse, Ramadaan boodaan baatii 11tu lafa jira. Walumaa galattuu wanti irra jiru amata tokko keessatti baatima tokko jechu. Hamma dandeessutti qadaa ufirraa fixuudha qabdi.

Yoo rakkinni fayya dhabaa isii mudate, amata sadeen kana qadaa waliin afuun, wamaa isii irratti hin jiru. Qaduma baafti malee kaffaaraalleen irratti hin jiru. Yoo ammoo osoo fayyaa qabduu beekaa teessee Ramadaan kaaniin afte ulamaa’iin gariin kaffaaratu irra jira je’an. Kaffaaraanis guyyuu nama tokko uf wajji fursiisu. Takkaahuu nama tokkoof midhaan jiraa lakkoofsa guyyaa saniitiin kiiloo lamaaf cinaa kennu. Yoo akkasitti adda addaan hin dandeenye, nama walitti qabdee bikka takkatti lakkoofsa baatiitti nam soddom nyaachisuu ni dandeessi. Rabbiinillee namni tokko ka soommana fure fayya dhabaan ykn imaltuun qadaa akka baasu waan nuu ibseef wanni irratti jiru tawbuma malee kaffaaraan irratti hin jiru je’an ulamaa’iin gariin. Walumaa galattuu yoo qabaataa taate akkasitti kaffaaras godhi. Yoo dhabaa taate ammoo soommanuma kee qadaa sirra jiru baasiitii  Rabbii kee araarama kadhadhu.

 

Dr. Liwaa’ulislaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 83

Kanas dubbisi!

72: Ilkaan rigachuun soomana ni balleessaa?
53: Soomana akkamittiin qadaa baasa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button