header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

14: Waan Dubartiin qalte nyaachun Hayyamamaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii:  Intalti takka haadha mana kiyyaa haa taatuu ta biraa haa taatuu sadaqaa wadaajaa takkaahuu akkanumatti laaqaan ykn irbaata gootee lukkuu qaltee yoo nuuf qopheessite waan san nyaachuu ni dandeennaahii?

 

Deebisaa:

 

Yaa gabricha Rabbii gaafiin kee akka natti fakkaatutti, wanti dhalaan qaltu halaalii Jechuu? Karaa kanaan gaafachutu sirra ture jechu.  Haata’uu malee, namni akkuma Rabbi sammuu isaa kennetti waa gaafata. Wanti intalti Muslimaa qalte akkuma dhiiraatii waa takkallee hin qabuu nyaadhu. Garuu, akkaataa namni tokko itti waa qalu dhalaaf dhiirris waa hunda dura barachuu qabna. Ta duraa, hoggaa waa qaltu ablee tee akka gaaritti qarachu, Lammaffaa waan qaltu lubbuu itti guraaruu dhabuu, sadaffaa  waan qaltu kana lukkuu ta’uu, re’ee ta’uu, horii ta’uu walbiratti hin qalinii addaan fageessi. Akkuma ati beeytu kanatti addunyaan tun walbeeytii takkittii tana hin irraanfatin. Waa hunda dura BISMILLAAH  jechuu hin irraanfatin.

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 2
Views: 263

Kanas dubbisi!

23: Qur’aanaafi Zikrii Hammaama Keessatti dhageeffatuun tahaa?
13: Kijibaan Qur’aana Qabatanii Kakatuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button